Tamsaasa Kallatti:

Marii biyyaalessaa walii galaarratti yaada walii hubachuudhaan Itiyoophiyaa fooyyofte ijoollee keenyaaf dabarsuuf mari’achaa jirra

 

Adoolessa 16/2018 (ENA): Yaa’ii marii biyyaalesaa waliigalaa irratti yaada walii hubachuudhaan nagaa fi waliigaltee waaraa uumuun Itiyoophiyaa fooyyofte ijoollee keenyaaf dabarsuuf mari’achaa jiraachuu haadholiin hirmaattota marichaa ibsan.

Ministira muummee Dr.Abiyyi Ahimadii fi bakka bu'oonni uummataa kuma afur ta'an bakka argamanitti mariin biyyaalessaa walii gaalaa Adoolessa 8 bara 2018 Wiirtuu konveenshinii Idil – Addunyaa Addis Finfinneetti eegalamuun isaanii kan yaadatamudha.

Adoolessa 13 bara 2018 irraa eegalee bakka bu'oonni naannollee, bulchiinsa magaalaafi lammiileen Ala jiraatan bakka bu'anii garee xiqqatti qoodamuun ajandaawwan qophaa'aniif irratti mari’achaa jiru.

Haadholiin marii waliigalaa kana irratti hirmaatan ENA’f akka ibsanitti, garaagartummaa fi waliigaltee dhabuun waggoota dheeraaf Itiyoophiyaa keessa ture karaa bilchina qabuun furuuf mariin meeshaa murteessaata’uu ibsaniiru.

Haadholii hirmaattota marii kanaa keessaa Aadde Israa Abdullaahii,mariin walii galaa kana irratti yaadota biyyaaf fayyadan dhiyeessuudhaan bilisaa fi iftoominaan mari’achaa jiraachuu isaanii dubbataniiru.

Kanaan dura Itiyoophiyaanonni carraa marii waliinii akkasii argatanii kan hin beekne ta'uu eeruudhaan; marii waliigalaa irrattis yaada walii hubachuudhaan biyya cimtuu dhaloota itti aanuuf dabarsuuf mari’achaa jiraachuu ibsaniiru.

Hirmaattuun biraan Aadde Makkoo Abuubakar gama isaaniitiin marii kun yaada lammilee hundaayyuu minjaala tokko irratti walitti qabuunii fi mari’achuun waliigaltee biyyaalessaa uumuuf carraa murteessaa ta'uu isaanii kaasaniiru.

Hirmaattuu marichaa biroon Aadde Daggituu Xaggichuu gama isaaniitiin, Marii walii gala kana irratti dhimmoota biyyaalessaa irratti mari’achuudhaan waliigaltee ijaaruuf kan dandeessisu marii taasiisaa jiraachuu isaanii ibsaniiru.

Mariin kunis dhaloota itti aanuuf Itiyoophiyaa waliigalteen biyyaalessaa keessatti dagaage dabarsuuf carraa seenaqabeessa ta'uu isaanii eeraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015