Sagantaan ashaaraa magariisaa biqiltuu dhaabuun olitti dhalootaaf kan darbu hojii fakkeenya qabudha - ENA Afaan Oromoo
Sagantaan ashaaraa magariisaa biqiltuu dhaabuun olitti dhalootaaf kan darbu hojii fakkeenya qabudha
Adoolessa 16/2018(ENA)- Sagantaan ashaaraa magariisaa biqiltuu dhaabuun olitti dhalootaaf kan darbu hojii fakkeenya qabu ta’uusaa daarektarri olaanaa abbaa taayitaa miidiyaalee Hayimaanoot Zallaqaa ibsan.
Abbaan taayitaa miidiyaalee Itiyoophiyaa qooda fudhattoota waliin qindaa’uudhaan mata duree “abdii haa dhaabnu” jedhuun sagantaa dhaabbii biqiltuu ashaaraa magariisaa gannaa kan baranaa qarqara lagaa Beellaa ganda 18tti gaggeesseera.
Daarektarri olaanaa abbaa taayitichaa Hayimaanot Zallaqaa saganticharratti, sagantaan ashaaraa magariisaa biqiltuu dhaabuun olitti dhaloota dhufuuf seenaa kan keenyu hojii fakkeenya qabudha jedhaniiru.
Xiyyeeffannoon keenya biqiltuu dhaabuun qofa osoo hin daangeffamiin, kan dhaabaman kunuunsuun guddisuu fi qabachuusaanii mirkaneessuu ta’uu akka qabu hubachiisaniiru.
Sagantichi muduraawwan wabii nyaataaf gargaaranii fi sanyii mukaa kunuunsa naannoof faayidaa qaban kan of keessatti qabatu ta’uu ibsaniiru.
Abbaan taayitichaa sagantaa ashaaraa magariisaa 8ffaatiin biqiltuu kuma 45 fi 125 dhaabuuf karoorfatee amma ammaatti naannawa magaalota garagaraatti biqiltuun kuma 43 dhaabamuunsaa ibsameera.