Yunvarsiitiin Amboo sanyii marga nyaata Beelladaa fooyya'aa qonnaan bulaaf dhiyeessaa jira - ENA Afaan Oromoo
Yunvarsiitiin Amboo sanyii marga nyaata Beelladaa fooyya'aa qonnaan bulaaf dhiyeessaa jira
Adoolessa 16/2018 (ENA):Yunvarsiitiin Amboo sanyii Marga nyaata Beelladaa fooyya’aa baay'isuudhaan qonnaan bultootaaf dhiyeessaa jiraachuusaa beeksise.
Itti aanaa Daayrektara dhimmoota akaadaamikiitiif Yuunivarsiitii Amboo Kampasii Gudar Maammoo Mazammir Amaan Riqituu ENA’f akka ibsanitti; Yuunivarsiitichi hojii baruu fi barsiisuu cinaatti sanyiiwwan marga nyaata beelladaa qorannoodhaan argamanii fi sanyii fooyya'aa baay'isuudhaan qonnaan bultootaaf dhiyeessaa jira.
Yuunivarsiitichi sanyiiwwan margaa kana qonnaan bultoota Aanaa Tookke Kuttaayee keessatti argamaniif dhiyeessuudhaan hojii horii horsiisuu fi furdisuu deeggaraa jiraachuu isaanii dubbataniiru.
Yunvarsiitii Amboo Kampasii Gudar Maammoo Mazammiritti
Dr. Caalumaa Nagaraa gama isaaniitiin akka ibsanitti; Yuunivarsiitichi lafa hektaara sadii irratti sanyii marga nyaata beelladaa fooyya’an gosa kudhan baay'isuudhaan qonnaan bulaaf rabsaa jira.
Sanyiiwwan margaa kunneen nyaata anniisaa fi ijaarsa qaamaa kan qaban, guddinaa fi fayyaa beelladaatiif, akkasumas oomisha aanaaniifi foonii guddisuuf faayidaa guddaa kan qaban ta'uu isaanii dubbataniiru.
Dabalataanis, sanyiiwwan margaa kunniin haala qilleensa naannichaa wajjin kan wal-simatee fi jiidhinsa dabalatee gogees nyaata beeyladaatiif kan tajaajilan waan ta'aniif, namoota hojii horii horsiisuu fi furdisuu irratti bobba'an bu’aa qabeessa kan taasisan ta'uu isaanii ibsaniiru.
Yuunivarsiitichi sanyiiwwan margaa hanga ammaatti qonnaan bultoota naannichaa 100 ta'aniif raabsuudhaan misoomnisaa akka babal'atu kan taasise ta'uu fi gara fuulduraattis dhiyeessii isaa babal'isuuf caalaatti kan hojjetu ta'uu beeksiseera.
Jiraataan Godina Shawaa Lixaa Aanaa Tookke Kuttaayeetti qonnaan bulaa Tafarraa Tirfee hojii misooma saawwan aanaanii irratti bobba'aniin hanqinni dhiyeessa nyaata beeyladaa isaan mudachaa akka ture ibsaniiru.
Yeroo amma garuu sanyii Marga fooyya'aa Yuunivarsiiticha dhiyeessan misoomsuu fi fayyadamuudhaan hanqina nyaata beeyladaa hiikuu bira darbee oomishtummaa aanaanii fooyyessuu isaanii dubbataniiru.
Wayita ammaa sa'a takka irraa guyyaatti giddu galeessaan aanaan liitira 12 argachuudhaan galii isaanii guddifachaa jiraachuu ibsanii, galii gurgurtaa aanaaniirraa argataniin mana jireenyaa ijaarrachuu fi ijoollee isaanii barsiisaa jiraachuu isaanii dubbataniiru.