Sagantaa maaddii guutuu wabii nyaataa mirkaneesse: - ENA Afaan Oromoo
Sagantaa maaddii guutuu wabii nyaataa mirkaneesse:
Itiyoophiyaan qabeenya dilbii qonnaa baroota dheeraaf qabdu gara wabii nyaataa qabatamaatti jijjiiruuf gufuu ta'aa tureera.
waggoota muraasa darbanitti imala haaromsa damee hedduu mootummaadhaan eegalameen seenaan sekteera kanaa bifa qabatamaan jijjiiramaa jira.
Agarsiiftuu guddaa jijjiirama kanaa kan ta'ee fi yaada Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimaditiin Onkololeessa 23 bara 2015 Magaalaa Arbaa Mincitti kan labsame sagantaa "Maaddii guutuuti.
Sochiin biyyaalessaa kun imala qonnaa fi misooma qabeenya beelladaa biyyattii boqonnaa haaraa kan saaqedha.
Sagantaan "Maaddii guutuu" misooma qonnaa hundagaleessa ta'eefi caalaatti qabeenya beelladaa fi sekteerota damichaan walqabatan irratti kan xiyyeeffatudha.
Gama kanaan misooma qabeenya beelladaatiin sawwan Aanaanii, misooma lukkuu fi killee, dammaa fi horsiisa qurxummii bal'inaan kan hammatudha.
Kaayyoon gudaan sagantaa kanaa Itiyoophiyaa shammataa nyaataa ta'uu irraa gara oomishtummaatti ceesisuudhaan wabii nyaataa mirkaneessudha.
Keessattuu sadarkaa maatiitti wabii nyaataa mirkaneessuudhaan, qaala'insa jireenyaa salphisuu, galii qonnaan bulaa fi horsiise bulaa dabaluun biyyattiif sharafa alaa argamsiisuun birmadummaa nyaataa dhugoomsuuf kan yaadamedha.