Godina Iluu Abbaa Booraatti lafa heektaara kuma 26 ol ta’u irratti biqiltuun bunaa sanyii fooyya’aa dhaabamaa jira - ENA Afaan Oromoo
Godina Iluu Abbaa Booraatti lafa heektaara kuma 26 ol ta’u irratti biqiltuun bunaa sanyii fooyya’aa dhaabamaa jira
Adoolessa 15/2018 (ENA): Naannoo Oromiyaa Godina Iluu Abbaa Booraatti biqiltuu bunaa fooyya’aa ta’ee fi oomisha yeroo gabaabaa keessatti argamsiisu lafa heektaara kuma 26 ol irratti yeroo Gannaa dhaabamaa jiraachuu Waajjirri Qonna Godinichaa beeksise.
Akka itti gaafatamaan waajjirichaa obbo Addaamuu Taakkalaa jedhanitti, gosoota bunaa fooyya’aa ta’an kanneen dhukkuba dandamatan, oomisha yeroo gabaabaa keessatti kennanii fi oomishtummaan isaanii mirkanaa’e Godinicha keessatti dhaabamaa jira.
Bu’uuruma kanaan Ganna amma jiru kana keessatti biqiltuun bunaa miiliyoona 200 ol lafa heektaara kuma 26 ol irratti dhaabamaa jiraachuu ibsaniiru.
Hojiin biqiltuu bunaa dhaabuu lafa haaraa fi bakka biqiltuu bunaa goggogaan keessatti bal’inaan hojjetamaa jiraachuu ibsuun, kan dulloomee fi oomisha hin kennine buqqisuun hojiin bu’a qabeessa ta’e hojjetamaa jira jedhan.
Qonnaan bulaan Godinichaa Aanaa Hurrumuu obbo Taammiruu Farrisaa biqiltoota bunaa yeroo Bonaa gamashan callaa gaarii irraa argachuuf kunuunsaa jiraachuu dubbataniiru.
Yeroo ammaa kana biqiltuu bunaa fooyya’aa dhaabuun callaa bunaa babal’isuun caalaatti fayyadamoo ta’uu isaaniis akeekaniiru.
Qonnaan bulaan Geetaachoo Jifaaris gargaarsa ogeeyyii qonnaatiin deeggaramuun hojiiwwan oomishaa fi oomishtummaa bunaa guddisan irratti bobba’uu isaanii ibsaniiru.
Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaa jalatti biqiltuu bunaa fooyya’aa ta’e bal’inaan dhaabuun fayyadamummaa isaanii guddisuuf hojjechaa jiraachuus ibsaniiru.
#Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena#