Tamsaasa Kallatti:

Wiirtuun qorannoo Baayoogaazii Yunivarsiitii Jimmaa kunuunsa biyyee fi oomishtummaa qonnaaf deeggaraa jira

Adoolessa 15/2018 (ENA)- Wiirtuun qorannoo Baayoogaazii Yunivarsiitiin Jimmaa ijaarsise kunuunsa biyyee fi oomishtummaa qonnaaf deeggaraa gochaa jiraachuu beeksise.

Yunivarsiitichi hojiiwwan qorannoo garagaraa gaggeessuudhaan hojii qonnaa ammayyeessuunii fi babal’isuudhaan qoodasaa bahachaa jiraachuun ibsameera.

Saayintifiik daarektariin inistitiyuutii teknooloojii Yunivarsiitii Jimmaa Injiinar Efireem Waaqjiraa ENA’f akka ibsanitti, wiirtuun qorannoo baayoogaazii inistiitiyuutii teeknooloojii Yunivarsiitichaa anniisaa maddisiisuun gamatti leenjiis kennaa jira.

Hafteen oomishaa Kanaan dura gatamaa ture walitti qabuun baayoo gaazii oomishuudhaan faayidaaf oolaa jiraachuu dubbataniiru.

Kana malees wiirtuuWiirtuun qorannoo Baayoogaazii Yunivarsiitii Jimmaa kunuunsa biyyee fi oomishtummaa qonnaaf deeggaraa jiran kun xaa’oo uumamaa qopheessuudhaan biyyoo kunuunsuudhaan guddina oomishtummaa qonnaa akka deeggaru taasifamaa akka jiru dubbataniiru.

Yunivarsiitii Jimmaatti diiniin kolleejii qonnaa fi wal’aansa beelladaa Dr. Salamoon Tulluu gamasaaniin, qonnaa bu’a qabeessa taasisuuf Yunivarsiiticha keessatti hojiileen hedduun hojjetamaa jiraachuu jedhaniiru.

Keessumaa wiirtuun qorannoo yunivarsiitichaa xaa’oo uumamaa qopheessuudhaan qonnaan bulaaf raabsuun alatti, hojii qonnaa lafa heektaara 150 irratti hojjetuuf deeggarsa guddaa gochaa akka jiru ibsaniiru.

Inistiitiyuutii teeknooloojii Yunivarsiitii Jimmaatti barsiisaan kutaa barnootaa makaanikaalaa fi qindeessaan pirojektii wiirtuu qorannoo baayoo gaazii Shawaangizaawu Warqaaganyoo wiirtuun qorannoo kun dame Kanaan ogeessota ga’ooman horachuuf wiirtuu leenjii ta’ee tajaajilaa akka jiru dubbataniiru.

Akka Kanaan dame Kanaan barattoonni 18 digirii lammaffaatiin leenji’aa akka jiran eeraniiru.

Wiirtuun leenjii Baayoo gaazii kun dhaabbilee mitmootummaa waliin tumsaan hojjechaa akka jiru dubbataniiru.

Yunivarsiitichatti barataan maandisa humna haaromfamaa kan ta’an Iyyarus Anteneh fi Beeteliheem Abbaadii, akkaataa baayoo gaaziin itti oomishamuu fi gara anniisaa fayidaa qabuutti jijjiiramu qabatamaan beekumsa gahaa argachaa akka jiran ibsaniiru.

Kana malees hojii qabatamaan hawaasa gargaaruuf akka isaan gargaaru waraqaa qu’annii leenjii ittiin xumuran qopheessaa akka jiran dubbataniiru.

Barataa Filiiphoos Kefelenyi beekumsi damee Kanaan Yunivarsiiticharraa argachaa jiru hojiiwwan qabatamaa wiirtuu qorannoo kana keessatti hojjetamaniin kan deeggarame ta’uu dubbateera.

Akkasumas fuuldura dandeettii oomisha baayoo gaazii Itiyoophiyaa guddisuuf akka hojjetamu dubbateera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015