Mariin kun Itiyoophiyaan gara boqonnaa haaraa seenaa fi misoomaatti akka ceetu carraa uuma – Mari’attoota - ENA Afaan Oromoo
Mariin kun Itiyoophiyaan gara boqonnaa haaraa seenaa fi misoomaatti akka ceetu carraa uuma – Mari’attoota
Adoolessa 15/2018 (ENA): Mariin biyyaalessaa kun Itiyoophiyaan gara boqonnaa seenaa fi misoomaa haaraatti akka ceetu carraa uuma jedhan mari attoonni lammiileen Itiyoophiyaa biyya alaa jiraataniifi miseensonni hawaasa Itiyoophiyaa konfiraansii marii biyyaalessaa irratti hirmaatan.
Komishiniin marii biyyaalessaa Itiyoophiyaa lammiilee Itiyoophiyaa biyya keessaa fi alaa hirmaachisuun ajandaalee marii saddeet adda baasuun isaa ni yaadatama.
Ajandaawwan kunneen Giddugala Walgahii Idil-addunyaa Addis keessatti mari’atamaa kan jiran yoo ta’u, mari’attoonni kuma afur kan irratti hirmaataa jiranidha.
Mari’attoonni kunneen Adoolessa 13, 2018 irraa eegalanii garee xiqqaatti qoodamanii ajandaa itti ramadaman irratti mari’achuu eegalaniiru.
Bakka bu’oonni diyaaspooraa konfiraansii adeemsifamaa jiru kanarratti yaada isaanii kan kennan akka jedhanitti, mariin kun Itiyoophiyaan rakkoo waggoota darban mudate bira darbitee gara marsaa seenaa fi misoomaa fooyya’aa ta’etti ce’uuf carraa seena qabeessa ta’uu ibsaniiru.
Adeemsi marii kun boqonnaa haaraa marii fi waliigalteedhaan rakkoolee sadrkaa gadii irraa gara oliitti hiikuuf karaa bane ta’uus hubachiisaniiru.
Namoota yaada isaanii kennan keessaa Awustiraaliyaa irraa Paachi Aquweer akka jedhanitti; lammiileen Itiyoophiyaa kanaan dura haala akkanaa irratti marii’atanii akka hin beekne ibsuun, affeerraa kana gammachuu fi miira guutuudhaan kan fudhatan ta’uu eerani.
Haalli lammiileen Itiyoophiyaa naannoo hundarraa walitti qabaman baay’ee namatti tolu ta’uu hubachiisuun, marii kanaan biyya dhaloota egereef mijattu uumuuf haala kan mijeessu ta’uu dubbatani.
Haaluma walfakkaatuun Ameerikaa irraa kan dhufan Piroofeesar Alamaayyoo Gabramaariyaam akka jedhanitti; Itiyoophiyaaf boqonnaa haaraan jalqabamuu himani.
Adeemsi marii kun walitti bu’iinsaa fi rakkoolee karaa qaroomina qabuun waliin marii’achuun furuu akka ta’e hubachiisaniiru.
Mariin mari’attoonni kuma afur irratti kan hirmaatan kun egeree ifaa Itiyoophiyaaf gumaacha guddaa akka taasisu ibsaniiru.
Kanas adeemsa guddaa Ityoophiyaa qofaaf osoo hin taane ummata Afrikaa fi addunyaaf hambaa fi muuxannoo ta’uu danda’u jechuun ibsaniiru.
Biyya Ingilizii irraa kan dhufan Allebbaachoo Dassaalenyi Itiyoophiyaanonni sablammoota adda addaa fi jaarmiyaalee lammummaa adda addaa irraa dhufan biyya isaanii sadarkaa gaariitti jijjiiruuf kutannoo agarsiisan dinqisiifataniiru.
Itiyoophiyaanota biyya alaa jiraataniifi miseensonni hawaasa Itiyoophiyaa nagaa biyyattiif gumaachuuf qophii ta’uu ibsaniiru.
Rakkoon mariidhaan furuun hin danda’amne akka hin jirre eeruun, nagaa, tasgabbii fi misooma waaraa fiduuf ga’een adeemsi marii biyyaalessaa olaanaa ta’uu ibsaniiru.
#Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena#