Itiyoophiyaan ijaarsa sirna demokiraasii Afriikaa keessatti qooda adda durummaa bahaa jirti - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaan ijaarsa sirna demokiraasii Afriikaa keessatti qooda adda durummaa bahaa jirti
Adoolessa 15/2018 (ENA)- Itiyoophiyaan ijaarsa sirna demokiraasii Afriikaa keessatti qooda adda durummaa bahaa akka jirtu miseensi mana maree bakka bu’oota Naayijeeriyaa Agbeedii Firederiik ibsan.
Itiyoophiyaan tumsa ardii cimsuunii fi qoodni seena qabeessi dandeettii ofiitiin misooma mirkaneessuuf bahatte guddaa kan raajeffatamu ta’uu ibsaniiru.
Itiyoophiyaan biyyoota sirna paarlaamaatiin seenaa ture qaban keessaa tokko ta’uusheetiin qoodni ijaarsa sirna demokiraasiif gumaachaa jirtu kan raajeffatamudha.
Keessumaa kallattii tumsa riijinii fi dandeettii ofiitiin dhaabbachuu jabeessuuf qoondi baate olaanaa ta’uu kaasaniiru.
Filannoon walii galaa torbaffaan milkaa’inaan xumuruunshees kutannoo adeemsa demokiraasiif qabdu qabatamaan kan itti agarsiifte ta’uusaa dubbataniiru.
Ijaarsa sirna demokiraasiif kan barbaachisu inni ijoon fedhii lammiilee kan deebisu, nagaa kan buusuu fi gaggeessaa guddina biyyaalessaa si’achiisu kan itti gaafatamni itti dhagahamu ta’uu hubachiisaniiru.
Kanaaf Itiyoophiyaan gama hundaanuu birmadummaashee mirkaneessuuf tattaaffiin qabatamaa itti jirtuu fi milkaa’inni galmeessisaa jirtu Afriikaaf calaqqee ifaa ishee taasiseera jedhaniiru.
Hariiroon Itiyoophiyaa fi Naayijeeriyaa guddachaa dhufuusaa kan kaasan miseensi mana maree kun, carraaqqiin dippilomaasii michooma paarlaamaa fi hariiroo paarlaamaa biyyoota lamaan jidduutti cimsuuf taasifame kan raajeffatamu ta’uu eeraniiru.
Kun ammoo tumsa hunda galeessa gamlamee dhaabbilee demokiraasii biyyoota lamaanii cimsuuf qaban guddisuuf kan kaayyeffate ta’uu ibsaniiru.
Hariiroo gamlameen gamatti Itiyoophiyaan tumsa Ardii fi dandeettii ofiitiin dhaabachuu gama guddisuutiin qooda seena qabeessa bahatte raajeffataniiru.
Biyyoonni Afriikaa tumsaa fi walgargaarsa jidduusaanii jiru cimsuuf xiyyeeffatanii hojjechuu akka qaban dubbataniiru.