Ayyaanni Waggaa Qullubbii Gabreelii nagaan kabajamee akka xumuruuf qophiin barbaachisaan taasifameera- Poolisii - ENA Afaan Oromoo
Ayyaanni Waggaa Qullubbii Gabreelii nagaan kabajamee akka xumuruuf qophiin barbaachisaan taasifameera- Poolisii
Adoolessa 15/2018 (ENA): Ayyaanni waggaa Qullubbii Gabreelii Milkiin kabajamee akka xumuramuuf qophiin barbaachisaan taasifamuu Qajeelchi Poolisii Godina Harargee Bahaa beeksise.
Kabaja Ayyaana waggaa Qulluubbii Gabreelii kanarratti hordoftoota amantichaa dabalatee kessummoota biyya keessaa bakkeewwan biyyattii adda addaa irraa dhufan dabalatee, Turistoonni, Ambaasaadderoonnii fi keessummoonni biroon ni hirmaatu.
Ayyaanichi nagaa fi haala ho’aa ta'een kabajamee akka xumuramuuf poolisiin qophii barbaachisu raawwateera.
Hogganaa Qajeelcha Poolisii Godina Harargee Bahaa fi walitti qabaan humna waloo nageenya yeroo naannichaa, gargaraa komishinaraa Naasir Mahaammad, ENA'f akka ibsanitti; ayyaanicha irratti yakki akka hin raawwatamneef qaamoleen seera kabachiisan hojii qindaa'aa raawwachuuf qophaa’aniiru jedhaniiru.
Nageenya ayyaanichaafis qaamoleen nageenyaa adda addaa dursanii qophaa’anii hojjechaa akka jiran dubbataniiru.
Hirmaattonni ayyaanichaas gara bakka ayyaanichaa yeroo deeman qabeenya isaanii eeggannoodhaan qabachuu akka qaban dhaamaniiru.
Naannichatti haalli teessuma lafaa mijaataa waan hin taaneef , akkasumas waktiin kun ganna waan ta’eef konkolaachiftooni of eeggannoo barbaachisaa taasisuu bira darbee , seeraa fi danbii Tiraafikaa kabajuu akka qaban Gargaraa Komishinaraa Naasir hubachiisaniiru.