Tamsaasa Kallatti:

Marii'ataan Mala Hin Dhabu!   

Rakkoolee yeroo dheeraaf Itiyoophiyaa keessatti turan hundee irraa furuuf, Komishiiniin Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Labsii Lakk. 1265/2014, Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataatiin ragga'een hundaa’e hojiitti galeera.



Kaayyoo Guddaa Hundeeffama Komishenii Marii Biyyaalessaa


· Marii Biyyaalessaan Waliigaltee Uumuu: Dhimmoota bu'uuraa biyyaalessaa irratti hoggantoota siyaasaa, hayyootaa fi kutaalee hawaasaa garaagaraa hirmaachisuudhaan marii bal'aa fi hunda-galeessa ta'e gaggeessuu; ta'us waliigaltee biyyaalessaa waaraa bira gahuu dha.


· Wal-dhabdeewwan Mariidhaan Furuu: Garaagarummaa fi wal-dhabdeewwan siyaasaa fi hawaasummaa kanneen seeraanis ta'e dhiyeenya kana uumaman karaa nagaa fi marii qofaaan furuu.


· Duudhaalee Hawaasummaa Haaromsuu: Duudhaalee biyyaalessaa wal-kabajuu fi waliin hojjechuu cimsan suphuu, akkasumas wal-amantaa hawaasaa fi qaamolee adda addaa gidduutti ijaaruu dha.
Komishiiniin kunis komishinaroota bilisaa fi walaba ta'an 11 qabatee kan hundaa’e dha. Haaluma kanaan, waldhabdee fi rakkoolee biyyattii keessatti yeroo dheeraaf turaan furuuf hojiin bal'aan eegalamee jira.
Akkuma beekamu, Itiyoophiyaan seenaa sirna mootummaa yeroo dheeraa kan qabduu fi biyya saboota, sab-lammoota,Ummatoota, afaani fi aadaawwan hedduti. Ta'us, adeemsa sirna hundeeffama ishee keessatti dhimmootni seenaa, eenyummaa, abbaa biyyummaa fi haqaafi kanneen wal-qabatan hedduun utuu furmaata sirrii hin argatiin yeroo lakkoofsiisaniiru. Rakkooleen caasaa irraa furmaata dhaban kunniinis, yeroo baay’ee biyyattii gara walitti bu'iinsaa, tasgabbaa'uu dhabuu fi wal-waraansaatti galchuun gaaga’ama hama uumaniiru.
Rakkoolee kanneen hundee irraa furuuf, walitti bu'iinsa siyaasaa fi hawaasummaa bifa mariitiin hiikuudhaaf Mariin Biyyaalessaarratti abdatameera.  


Haaluma Kanaan komiishiin marii biyyaaleessa Itiyoophiyaa haala duree hedduu keessa darbeera.


Rakkoolee kanneen hundee irraa furuuf, walitti bu'iinsa siyaasaa fi hawaasummaa bifa mariitiin hiikuudhaaf Marii Biyyaaleessaa irratti abdatameera.


Ministirri Muummee Itiyoophiyaa Doktor Abiyyi Ahimad guyyaa jalqabbii Marii kana Irratti akka jedhanitti “Mariin kun salphaatti kan deebi’ee hin argamne, seenaa Itiyoophiyaa ammayyaa keessatti kaayyoo fi galma guddaa kan qabudha.”


Mariin biyyaaleessaa Itiyoophiyaa kun seenaa keessatti iddoo guddaa kan qabuufi Afriikaaf fakkeenya guddaa kan ta’uu fi Marii hunda hirmaachise ta’uu ibsani turan.
Itiyoophiyaanoonni rakkina gurguddaa bira darbaniiru kan jedhan Ministirri Muummeen; mariin kun furmaata waldhabdee akka ta’e ibsaniiru.


Dhaloota dhufuuf biyyaa mijaata ta’e ijaaruuf eegeree tolchuuf mariin kun carraa gaarii ta’uu ibsuun; milka’ina isaaf hunduu akka tumsaan dhaamaniru.


Komishinarri Ol'aanaan Komishinii Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Pirofeesar Masfin Ara'ayaa gama isaaniitiin, 'Mariin Biyyaalessaa Itiyoophiyaa dhaloota dhufuuf biyya cimtuufi nageenya amansiisaa taate qabdu ijaaruuf carraa guddaa kan uumuudha,' jechuun yeroo sana ibsanii turaan.
Mariin kun keessattuu, gaaffileen siyaasaafi sirnaa walxaxaan waggoota dheeraaf kuufaman har'as nagaafi tokkummaa biyya keenyaa qoraa akka jiran yaadachiisaniiru. Garaagarummaan yaadaa rakkoo akka hin taaneefi ilaalchota adda addaa karaa tasgabbaa'aafi diimokiraatawaa ta'een mariin furuun murteessaa ta'uu isaa himaniiru. Rakkoolee hidda fageeffatan humnaan, furmaata yeroon yookaan adeemsa qoodinsaafi alatti hambisuutiin waaraatti furuun akka hin danda'amne seenaan kan nu barsiise ta'uu isaa irratti xiyyeeffannaa kennanii dubbataniiru.

Furmaanni waaraafi tokkichis marii biyyaalessaa amanamummaa, hirmaachisummaafi karaa saayinsaawaa ta'een gaggeessuu qofa ta'uu isaa ibsaniiru.
Mariin kun garaagarummaa jiru haala sodaa tokko maleefi karaa qaroomina qabuun waliin mari'achuun waan filannoo hin qabne ta'uu isaa ibsaniiru.
Komishiiniin Marii Biyyaaleessaa Itiyoophiyaa haala dureewwan hedduu keessa darbee jira.

Isaanis:


· Ajandaa Walitti Qabuu fi Qooda Fudhattoota Adda Baasuu:

 

Komishinichi kutaalee biyyaattii gara garaatti, akkasumas diyaasporaawwan ala jiraatan biratti socho'uudhaan waldaalee adda addaa, abbootii Gadaa, abbootii amantaa, dubartoota, dargaggoota, paartilee siyaasaa fi kutaalee hawaasaa irraa ajandaa marii walitti qabaa tureera.


· Bakka Bu'oota Marii Adda Baasuu:


Ummanni mataan isaa kallattiidhaan bakka bu'oota filachuun, sagaleen sadarkaa gadii irratti argamu gara waltajjii marii gidduugaleessaatti akka dhihaatu taasisameera.


· Ajandaawwan Gurmeessuu:


Hawaasa adda addaa biraa ajandaawwan kumaatamaan walitti qabaman gosagosaan adda baasuu fi gurmeessuu hojiin isaa raawwatameera.
Amma namootni marii irratti hirmaatan Kutaalee biyyattii adda addaarraa dhufaa kuma 4 akkasumas haala mijeessitootaan deeggaramuun mariin eegalameera.
Haluma kanaan namootni marii irratti hirmaatan garee adda addaatti qoodamuun ajandalee adda baafaman irratti marii eegalaniiru.
 
 
Marii biyyaalessaa – Egeree Waloof Waliigaltee Biyyaalessaa Uumuu


Itiyoophiyaan seenaa ishee keessaatti adeemsa siyaasaa hiikkaa guddaa qabu keessa tokko kan ta’e Komishiinii Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa hundeessuun erga hojii jalqabee wagga sadii ta’eera.

Komishiiniin kun bu’uura labsii 1265/2014 Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa raggaaseen hundaa’ee hojii eegale.



Kayyoon Komishiiniin Marii Biyyaalessaa hundaa’eef inni ijoonis rakkoowwaan siyaasaa fi hawaasummaa biyyattii keessa yeroo dheeraaf turan marii fi waliigaltee biyyaalessaan furuufidha.

#Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena#

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015