Itiyoophiyaan Mari’achaa jirti! - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaan Mari’achaa jirti!
Adoolessa 14/ 2018(ENA): Wantoota ijoo Yaa’ii Marii Biyyaalessaa
Kaleessa Mari’attoonni gareedhaan qoodamanii marii kan jalqaban har’as garee isaaniitiin mari’achuu itti fufaniiru.
Mari’attoota 50 kan hammate gareen 80’n kaleessa waaree booda irraa eegalee garee xiqqaa isaanii keessatti marii’achaa jiru. Adeemsi kun hanga boruutti kan itti fufu ta’a.
Adeemsa kana keessatti mari’attoonni dhimmoota ajandaa irratti mari’achaa jiran irratti yaada fi ilaalcha hedduu dhiheessaa jiru. Adeemsi kun dhimmoota biyyaalessaa hunda caalaa bu’uuraa ta’an kanneen sababa waliigaltee dhabuu ta’an irratti ilaalchaa fi sababoota walii isaanii akka hubatan waltajjii uumuun ni eegama.
Adeemsa kana galmaan gahuuf Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa paanaalii ogeeyyii dhaabbilee adda addaa irraa dhufan, kanneen gama ogummaa, barnootaa fi ogeessota qaboo yaa’ii qabaniin gahumsa qaban walitti fidee Yaa’ii Marii Biyyaalessaa irratti hirmaachaa jiru.
Yaa’ii kana irratti ogeessota gahumsa olaanaa qaban 80 walitti fidee marii kana akka deeggaran taasisaa jira. Ogeessonni kunneenis yaadota iftoomina barbaadan irratti ibsa kennaa mari’attoota deeggaraa jiru.
Gama biraatiin, Yaa’ii Marii Biyyaalessaa kana keessatti, taajjabdoonni walaba ta’an 50 ol ta’an Tumsa Dhaabbilee Hawaasa Siivilii Itiyoophiyaa, waldaalee ogummaa adda addaa, Mana Maree Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa fi Komishinii Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa irraa, akkasumas dhaabbileen biyya keessaa adda addaa , adeemsa marii kana taajjabaa jiru.
Komishinii Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa
Adoolessa 14, 2018
#Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena#