Tamsaasa Kallatti:

Gumaachi Itiyoophiyaan eegumsa qabeenya lubbuu qabeeyyetiif taasisaa jirtu ol’aanaadha

Adoolessa 14/2018 (ENA): Itiyoophiyaan eegumsa qabeenya uumamaa fi lubbu-qabeeyyiif sadarkaa addunyaatti gumaachi taasisaa jirtu ol’aanaa ta’uusaa Barreessituu hojii raawwachiiftuu waliigaltee qabeenya lubbuu qabeeyyii Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (CBD) Astiriid Shomaker ibsan.

Abbaan Taayitaa Eegumsa Bosonaa fi Bineensota Itiyoophiyaa ayyaana hundeeffama isaa waggaa 60ffaa kabajachaa jira.

Waltajjii kanarratti Pirezidaantiin Ripaabilika Dimokiraatawaa Federaala Itiyoophiyaa Taayyee Atsqa-Sillaasee, Ministira Muummee duraanii fi walitti qabaa Boordii faawondeeshinii Haayilemaaramii fi Roomaan ,Haayilemaram Dassaaleny, De’eetaa Ministira Turiizimii Dr.Endegena Abbabaa, Daayirektara Olaanaa Abbaa Taayitaa Eegumsa Bosonaa fi Bineensota Itiyoophiyaa Kumarraa Waaqjiraa dabalatee hoggantoonni mootummaa olaanoo fi keessummoonni dhaabbilee addunyaa affeeraman argamaniiru.


Barreessituun hojiiraawwachiiftuu Waliigaltee qabeenya lubbuu qabeeyyii Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (CBD) Astiriid Shoomaker, Itiyoophiyaan iddoo biqiltuu fi bineensota adda ta'an hedduu fi handhuura qabeenya uumamaa fi lubbuu qabeeyyii ta'uushee dubbataniiru.

Shoorri biyyattiin eegumsa lubbuu qabeeyyii addunyaatiif gumaachaa jirtus caalaatti guddaa ta'uu ibsaniiru.

Itiyoophiyaan sanyiiwwan bineensotaa adda addaa addunyaa irratti bakka biraatti hinargamne ta'uushee eeruun; hambaan uumama addaa kun boonsaa Itiyoophiyaa qofa osoo hin taane, addunyaa guutuufis gatii shallagamuu hin danda’amnee ol ta'e akka qabu dubbataniiru.


Dhaabbatichi waggoottan jaataman darbaniif qabeenya uumamaa fi lubbuu qabeeyyiif eeguuf kutannoo agarsiiseefis dinqisiifannaa isaanii ibsaniiru.

Biyyattiin bakkeewwan eegumsaa sirnaan bulchuu, sanyiiwwan balaa irra jiran baraaruu fi walitti bu'iinsa namaa fi bineensota gidduutti uumamu to'achuuf carraaqqiin taassifamu jajjabeessaa ta'uu ibsaniiru.

Galmawwan qabeenya lubbuu qabeeyyii kaa’ame milkeessuuf hawaasni addunyaa qabeenya bosonaa eeguu, sanyiiwwan balaa irraa baraaruu fi daldala bineensota seeraan alaa to'achuuf tarkaanfii ariifachiisaa fudhachuu akka qabu hubachiisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015