Tamsaasa Kallatti:

Ashaaraan Magariisaa sirna ikkoo kunuunsuun dabalatatti, bineensota bosonaaf dahoofi bakka jireenyaa ta’uun carraa guddaa uumeera.

Adoolessa 14/2018 (ENA): Sagantaan Ashaaraa Magariisaa Itiyoophiyaa sirna ikkoo kunuunsuun dabalatatti, bineensota bosonaaf dahoofi bakka jireenyaa ta’uun carraa guddaa uumeera jedhan jedhan Pireezidaantin FDRI Taayyee Atsiqasillaaseen.

Ayyaanni waggaa 60ffaa Abbaa Taayitaa Eegumsa Bineensota Bosonaa Itiyoophiyaa mata duree “Waggoota 60 Bineensota Bosonaa Itiyoophiyaaf” jedhuun magaalaa Finfinneetti gaggeeffameera.




Pireezidaanti Taayyeen wayita kana, Itiyoophiyaanonni Eegumsa Bineensota bosonaa dhalootarraa dhalootatti dabarsuun duudhaa gaarii qabu jedhan.
Sagantaan Ashaaraa Magariisaa Itiyoophiyaa nageenya sirnakkoo eeguun bineensonni bosonaa bakka jireenyaa mijataa akka argataniif carra uumuu kaasaniiru.

Barii jijjiirama biyyaalessaa waggoottan darban keessa qabeenya uumamaa fi madaala sirnakkoo eeguun hojiileen hedduun hojjetamuu eeraniiru.
Sirni aadaa kunuunsa bineensota bosonaa lammiilee Itiyoophiyaa biratti gatii ajaa’ibaa dhalootaa dhalootatti darbaa akka ta’es dubbataniiru.
Mallattoo bineensota bosonaa Itiyoophiyaa kan ta’e Waaliyaa Ayibeeksi gadi bu’uun isaa dhimma yaaddessaa ta’uu eeruun, Kana baraaruuf dirqama biyyaalessaa fi idil-addunyaa qabna jedhan.
Bineensota bosonaa kunuunsuun barbaachisaa akka ta’e gorsaniiru.

Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Sagantaan Ashaaraa Magariisaa milkaa’ina hunda galeessa akka ta’u dandeessisuun nageenya heddummina lubbu qabeeyyiif gumaacha taasisaniif galateeffataniiru.

Nageenya paarkiiwwanii mirkaneessuu fi bu’uuraalee misoomaa isaanii ammayyeessuun eegumsa bineensota bosonaa qofa osoo hin taane daawwattoota biyya keessaa fi alaa hawwachuuf tattaaffii taasifamaa jiruuf furtuu ta’aa jiraachuu ibsaniiru.
Paarkoonni magaalota keessatti ijaaramaa jiran beekumsa hawaasni waa’ee bineensota bosonaa irratti qabus bal’isaa akka jiran hubachiisaniiru.

Bu’aa damichaa irraa eegamu galmaan ga’uuf hojiin cimaan hojjetamuu akka qabu hubachiisuun, waggoota jaatama darban keessatti kunuunsa uumamaaf gumaacha guddaa aangawootaa fi michoota taasisaniif galateeffataniiru.

Waltajjicharratti Pireezidaantiin Mootummaa Federaalaa Itiyoophiyaa, Taayyee Atsqasillaaseen, Ministira Muummee duraanii fi Dura taa’aan Boordii Faawundeeshinii Roomaa Hayilamaariyaam Dasaalee, De’eetaa Ministeera Tuurizimii Dr. Indaganaa Abbabaa, Daarektarri Olaanaa Abbaa Taayitaa Eegumsa Bineensota Bosonaa Itiyoophiyaa, Kumarraa Waakjiraa, akkasumas haggantoota hojii olaanoo mootummaa fi keessummoonni dhaabbilee idil addunyaa irraa affeeraman argamaniiru.

#Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena#

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015