Poolisiin federaalaa Itiyoophiyaa galmee qorannoo miseensota garee yakka cimaa 17 ministeera haqaaf erge - ENA Afaan Oromoo
Poolisiin federaalaa Itiyoophiyaa galmee qorannoo miseensota garee yakka cimaa 17 ministeera haqaaf erge
Adoolessa 14/2018 (ENA)- Poolisiin federaalaa Itiyoophiyaa namoota kan deddeebisan 17 to’annaa jala oolchee galmee qorannoo raga namaa fi sanadaatiin gurmeessee ministeera haqaaf erguusaa beeksise.
Poolisiin federaalaa karaa kutaa baha biyya keenyaa karaa Jibutii fi Yaman namoota seeraan ala ergaa kan turanii fi miidhamtootarraa birrii miiliyoona tokkoo ol kan fudhatan, namoota karaa seeraan alaa kan deddeebisu Mahaammad Xaahir Adan (Wardiin) kan durfaman ka gurmaa’an miseensonni garee yakkaa 17 to’atee raga namaa fi galmee qorannoon gurmeessee ministeera haqaaf erguusaa beeksiseera.
Poolisiin federaalaa Itiyoophiyaa ragaa namaa fi sanadaa walitti qabeen shakkamtoonni namaan daldaluu yaaduudhaan garee yakka gurmeessuudhaan gocha yakkaa keessatti sadarkaa olaanaadhaan hirmaachuusaanii galmee qorannaatiin qulqulleeffachuusaa ibseera.
Shakkamtoonni karaa namoota ittiin dabarsan mijeessuudhaan, miidhamtoonni karaa Yaman gara Saa’udii Arabiyaatti dhaqaniijireenya gaarii akka jiraatan abdii sobaa kennuu fi amansiisuudhaan kutaa biyyattii garagaraarraa karaa faddaaltotaa miidhamtoota fo’achuudhaan ergaa turuusaanii poolisiin mirkaneesseera.
Gamlee qorannoorratti akka barreeffameen miidhamtoonni karaa seeraan alaa fudhataman daangaa Itiyoophiyaa akkuma cehaniin gara Yamanitti geeffamanii biyya Yaman keessatti kan argaman mankuusota kanaaf jecha qophaa’an ukkamfamanii gochoonni farra namoomaa irratti raawwatamaa turan.
Keessumaa shakkamtoonni miidhamtoota qabanii gara maatiisaaniitti bilbiluun maallaqa guddaa gaafachaa akka turanii fi maatii maallaqa kaffaluu hin dandeenye miidhamtoota reebanii akkasumas gidirsaa viidiyoo waraabuudhaan dhiibbaa xiin sammuu uumaa akka ture poolisiin mirkaneesseera.
Haala Kanaan poolisiin federaalaa Itiyoophiyaa ministeera haqaa, tajaajila odeeffannoo fi nageenya biyyaalessaa akkasumas qooda fudhattoota biroo waliin hordoffii fi qorannoo cimaa qindoominaan taasiseen argannoowwan gurguddoo hedduu ifoomseera.
Kanneen keessaa kanneen seeraan ala namoota deddeebisan miidhamtootarraa birrii miiliyoona 1 ol karaa seeraan alaa fudhachuu, namoota 40,000 ol karaa seeraan alaa deddeebifamuu, namoonni 60 ol lubbuun darbuusaanii akkasumas dubartoonni hedduun qorannoodhaan bira gahameera.
Dhimma yakkaa kanarratti namoonni hedduun Saa’udii Arabiyaa fi Itiyoophiyaarraa kallattiidhaan kallattiidhaan karaa viidiyoo konfaransii jechasaanii kennaniiru.
Shakkamtoonni maallaqa karaa seeraan alaa argatanitti fayyadamuun biyya keessaa fi biyya alaatti qabeenya dhaabbataa fi socho’aa horachuusaanii poolisiin kan mirkaneesse yoo ta’u mana, konkolaataa fi maallaqni akka dhorkamu taasiseera.
Poolisiin federaalaa Itiyoophiyaa shakkamtoota yakkoota namaan daldaluu, hawaalaa seeraan alaa fi maallaqa karaa seeraan alaa deddeebisuutiin (Money Laundering) qorannoosaa xumuree ministeera haqaaf erguusaa beeksiseera.
Poolisiin federaalaa Itiyoophiyaa kanneen nama deddeebisanii fi tumsitoonnisaanii to’annaa jala akka oolan qaamota deeggarsa taasisan galateeffachaa, hawaasni appilikeeshinii hirmaannaa ummataa (EFPApp), bilbila bilisaa 991 fi buufata poolisii nama malee (SPS) tti gargaaramuun odeeffannoo erguun tumsa isaa akka itti fufu dhaameera.