Giiftii Duree Zinnaash Taayyaachoon gitaa isaanii Giiftii Duree Armeeniyaa waliin mari’atani - ENA Afaan Oromoo
Giiftii Duree Zinnaash Taayyaachoon gitaa isaanii Giiftii Duree Armeeniyaa waliin mari’atani
Adoolessa 14/2018 (ENA): Giiftii Duree Zinnaash Taayyaachoon Giiftii Duree Rippabiliika Armeeniyaa Aanaa Hakoobiyaan waliin marii bu’a qabeessa ta’e akka taasisan beeksisan.
Giiftiin dureen ergaa fuula miidiyaa hawaasaa isaanii irratti maxxansaniin, gita isaanii Armeeniyaa waliin wal arguun hojiilee adda addaa biyyoota isaanii keessatti raawwatamaa jiran irratti mari’ataniiru.
Giiftii duree Zinnaash Taayyaachoon ergaa isaaniin mariin Giiftii Duree lamaan gidduutti taasifame milkaa’aa fi bu’aa qabeessa ta’uu mirkaneessaniiru.