Mari’attoonni ajandaawwan itti ramadaman irratti marii eegalaniiru-Komishinar ambaasaaddar Mahimud Diriir - ENA Afaan Oromoo
Mari’attoonni ajandaawwan itti ramadaman irratti marii eegalaniiru-Komishinar ambaasaaddar Mahimud Diriir
Adoolessa 13/2018(ENA)- Mari’attoonni yaa’ii marii biyyaalessaa ajandaawwan itti ramadaman irratti marii eegaluusaanii Komishinariin olaanaa komishinii marii biyyaalessaa Itiyoophiyaa ambaasaaddar Mahimud Diriir ibsan.
Komishinariin komishinii marii biyyaalessaa Itiyoophiyaa ambaasaaddar Mahimud Diriir, yaa’ii marii biyyaalessaa Itiyoophiyaa ilaalchisuun har’a miidiyaaleef ibsa kennaniiru.
Mari’attoonni yaa’ii marichaa gareewwan addaddaatti qoqoodamanii ajandaa irratti ramadaman irratti marii eegaluusaanii komishinarichi ibsaniiru.
Adeemsi har’a eegalame qama ijoo marichaa ta’uu eeranii, yaadonni qaamolee garagaraarraa walitti dhufan hedduun akka ka’an eeraniiru.
Komishinichi gorsitoota muuxannoo qaban ramaduudhaan adeemsa marichaa hordofaa akka jiru dubbataniiru.
Yaa’iin marii biyyaalessaa Itiyoophiyaan Adoolessa 8 bara 2018 egalamuunsaa ni beekama.