Tamsaasa Kallatti:

Komishinarri Komishinii Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Ambaasaaddar Mahaammuud Diriir adeemsa marii biyyaalessaa ilaalchisuun ibsa har’a kennaniin dhimmoota ijoo armaan gadii ibsaniiru.

👉 Mari’attoonni ajandaawwan saddeet komishinichi labse irratti mari’achuu eegalaniiru;

👉 Adoolessa 8, 2018 irraa eegalee gareewwan saddeet tokkoon tokkoon isaanii mariisistoota 500 ta’aniin gurmaa’aniiru;

👉 Mari’attoonni hojmaataa fi adeemsa marii irratti hubannoo gahaa argataniiru;

👉 Mari’attoonni yaada mariin duraa irratti ibsa argataniiru;

👉 Tokkoon tokkoon garee xiqqaatti mari’attoonni 50 ramadamanii jiru;

Har’a marii gaggeessitoonni ajandaa itti ramadaman irratti garee xiqqaadhaan mari’achuu eegalaniiru;

👉 Adeemsi marii har'a eegalame kun marii kana keessatti qaama ijoo ta'ee yaadonni adda addaa irratti mari'atama;

👉Adeemsi kun kan mari’attoonni ajandaa ramadaman irratti yaada isaanii waliif qoodanii yaada walii dhaggeeffatanidha;

👉Komishinichi mariisistoota muuxannoo olaanaa fi barnoota dhimma kanarratt qaban 160 ramadeera;

👉Barreessitoonni Qaboo yaa’ii barreessan 256 ogummaa olaanaa qaban bobbaafamanii marii biyyaalessaa hoogganaa jiru;

👉Walumaagalatti gareewwan xixiqqaa 80 ta’an yeroo ammaa ajandaalee ramadaman irratti mari’achaa akka jiran Komishinar Ambaasaaddar Mahaammuud Diriir ibsa isaanii keessatti eeraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015