Tamsaasa Kallatti:

Yaa’iin idilee Caffee Oromiyaa muudama abbootii murtii raggaasisuun xumurame

Adoolessa 13/2018 (ENA) - Yaa’iin idilee 11ffaa wagga 5ffaa bara hojii 6ffaa Caffee Oromiyaa gabaasa waajjira odiitii muummee naannichaa fi muudama abbootii murtii raggaasisuun xumurameera.


Hogganaan waajjira odiitii muummee naannichaa obbo Tafarii Wandiyifraawu yaa’icharratti akka jedhanitti, hojii odiitii bara bajataa xumurametti qabeenyi mootummaa fi ummataa qisaasamuuf ture akka deebi’u taasifameera.


 Qaqqabummaa fi uwwisni Odiitii yeroo gara yerootti dabalaa dhufuusaa  himanii, gibira galii, taaksii fi liizii walitti qabuu akkasumas akaakuu fi odiitii naannawaarrattiraawwiin gaariin bara itti galmaa’e akka ture himaniiru.

Itti dabaluunis bajanni misooma ummataaf ramadame kaayyoo barbaachisuuf akka oolu deeggarsa, hordoffii fi to’annoo Caffeen gochaa jiru akka cimsu gaafataniiru.
 
Itti aanaan pirezidaantii naannoo Oromiyaa obbo Awwaluu Abdii gamasaaniin, argannoon odiitii naannichaa bu’a qabeessummaadhaan deebii akka argatan mootummaan naannichaa deeggarsaa fi gargaarsa barbaachisaa gochuusaa ibsaniiru.

Bu’aan bara bajataa xumurame galmaa’e kan argame waajjiraaleen sektara mootummaa humna guutuun tumsaan waan hojjetanii fi waajjira odiitiif deeggarsi barbaachisu waan taasifameef ta’uu eeraniiru.


 Yeroo itti aanus argannoon odiitii hundi deebii akka ta’an qooda fudhattoota waliin tumsaa fi humna guutuun ni hojjenna jedhaniiru.


 Caffeen kun xumura yaa’ii kanarratti muudama abbootii murti ikan raggaase yoo ta’u, abbootii murtii 94 har’a muudaman keessaa 30 dubartoota ta’uun beekameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015