Tamsaasa Kallatti:

Bakka bu'oonni ajandaa itti ramadaman irratti mari'achuu eegalaniiru - Komishinar Mahmuud Diriir

Adoolessa 13/2018 (ENA): Bakka buutonni  Marii Biyyaalessaa ajandaalee itti ramadaman irratti har’a mari’achuu eegaluu isaanii Komishinarri Yaa’ii Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Ambaasaaddar Mahaammuud Diriir himaniiru.

Komishinarri Yaa’ii Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Ambaasaaddar Mahaammuud Diriir Gumii Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa ilaalchisee har’a miidiyaaf ibsa kennaniiru.

Komishinarri kun akka jedhanitti, bakka buutonni marii biyyaalessaa ajandaa ramadaman irratti, garee adda addaatti qoodamanii mari’achuu eegaluu isaanii ibsaniiru.

Adeemsi har’a eegale marii kana keessatti qaama ijoo ta’uu, akkasumas yaadonni kutaalee hawaasaa adda addaa irraa walitti qabamanii dhufan hedduun irratti akka mari’atamu hubachiisaniiru.

Komishinichi gorsitoota muuxannoo qaban ramaduudhaan adeemsa marii hordofaa akka jiru himaniiru.

Yaa’iin marii biyyaalessaa Itiyoophiyaa Adoolessa 8, 2018 akka eegale ni beekama.

#Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena#

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015