Caffeen Oromiyaa baajata bara 2019 Qar. Bil. 704 raggaase! - ENA Afaan Oromoo
Caffeen Oromiyaa baajata bara 2019 Qar. Bil. 704 raggaase!
Adoolessa 12/2018(ENA): Caffeen Oromiyaa yaa'iisaa idilee 11ffaa Waggaa 5ffaa bara Hojii Caffee 6ffaa guyyaa har'aa geggeessaa jiruun baajata Mootummaa Naannoo Oromiyaa Qarshii Biliyoona 704 raggaaseera.
Haaluma kanaan, qarshii 80,220,067,180 baasii marmaartuu naannootiif, qarshii 162,670, 695,269 baasii kaappitaalaa naannootiif, qarshiin 459,109,237,551 deeggarsa aanaaleefi bulchiinsa magaalotaaf akkasumas qarshiin 2,000,000,000 ittiin eeggannoo naannootiif ta'ee ragga'eera.
Akka Itti Gaafatamaan Biiroo Maallaqaa Naannoo Oromiyaa obbo Tolasaa Gaddafaan Caffeef ibsanitti, baajatichi hirkattummaa irraa gara of danda'uutti tarsiimoo qabame dhugoomsuuf kan akeekedha.
Ramaddiin baajataa sagantaalee misoomaa irratti hundaa’ee fi guddina naannichaa saffisiisuuf haala qophaa’een kan raawwatame ta’uu hubachiisaniiru.
Milkaa’ina karoora misoomaa mirkaneessuuf dhaabbilee seektaraa naannichaa hunda waliin mariin gaggeeffamuu eeruun itti gaafatamaan Biiroo ramaddii baajataa keessatti naannolee xiyyeeffannoo addaa barbaadaniif dursi kennamee akka ture ibsaniiru.
Itti dabaluudhaanis baajatni kun kan bara darbee wajjin wal bira qabamee yoo ilaalamu dhibbeentaa 76'n dabaluu kan ibsan yoo ta’u, pirojektoota misoomaa irratti xiyyeeffannoo guddaa kan kennu ta’uu ibsaniiru.
Nagahee seeraa malee galii bifa kamiinuu walitti qabuun dhorkaa ta’uu fi itti gaafatamummaa seeraa kan geessisu ta’uus cimsanii dubbataniiru.
Miseensonni Caffee baajata kanarratti kennaniin ramaddiin baajataa galma hirkattummaa gargaarsaa irraa bilisa bahuu fi of danda’uu galmaan ga’uu kan deeggaru ta’uu ibsaniiru.
Haa ta’u malee, bajanni ramadame hundi-baajata kaappitaalaa dabalatee-kaayyoo yaadameef qofa akka itti fayyadaman deeggarsaafi hordoffiin cimaan barbaachisaa ta’uu dubbataniiru.