Marii Biyyaalessaa Furmaata Itti Fufiinsa Qabuuf - ENA Afaan Oromoo
Marii Biyyaalessaa Furmaata Itti Fufiinsa Qabuuf
Mariin Biyyaalessaa biyya keenyatti gaggeeffamu waltajjii tokko irratti yaadonni adda addaa itti dhiyaatan, marii fi yaada hunda hammate ta’anii kan qophaa’an mariin furmaata fiduudha.
Haala qaamotni biyyattii keessatti hirmaatan hundi yaada gumaachuu fi dhimmoota bu’uuraa irratti mari’achuu fi waliigaltee uumuun Karaa mariin waliigaltee irra gahuufi.
Seenaa siyaasaa biyya keenyaa keessatti hanqinoota nu mudatan keessaa tokko Marii Biyyaalessaati. Ummanni dhimmoota ijoo biyyaa irratti hubannoo waloo irra ga’ee, kanneen seeraa fi sirnaan irratti walii galan cimsee seeraan raggaasisee, kanneen irratti walii hin galle immoo marii gara fuula duraatiif qopheessee hin keenye.Kanarraa kan ka’e komii, mufannaan, warraaqsi, jeequmsi yeroodhaa gara yerootti uumama. Wantoonni walitti aansuun akkuma dhiyaatanitti daldaltoota siyaasaaf haalli mijataan ni uumama. Ilaalchi hunda galeessa ta’e ni bada. Marii Biyyaalessaatu caba bara dheeraa kana supha.