Caffeen Waggoottan Shanan darban hojii nageenyaa, hawaasummaa fi misooma dinagdee naannichaa akka milkaa'uuf deggarsaa fi hordoffii cimaa taasiseera - ENA Afaan Oromoo
Caffeen Waggoottan Shanan darban hojii nageenyaa, hawaasummaa fi misooma dinagdee naannichaa akka milkaa'uuf deggarsaa fi hordoffii cimaa taasiseera
Adoolessa 12/2018 (ENA): Waggoottan shanan darban keessatti karoorawwan nageenya, hawaasummaa fi misooma dinagdee naannichaa akka milkaa'aniif deggarsaa fi hordoffii cimaa taasisuun milkaa'ina damee hedduu akka galmeeffamu gochuu isaa Af-yaa'iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa'aadaa Abdurrahimaan ibsan.
Walga'iin Idilee 11ffaan Waggaa 5ffaa Bara Hojii 6ffaa Caffee Oromiyaa har'a magaalaa Adaamaatti gaggeeffamuu jalqabeera.
Af-yaa'iin Caffee Aadde Sa'aadaa Abdurrahimaan baniinsa yaa'ichaarratti akka ibsanitti; Caffichi waggoottan darban keessa fayyadamummaa waliigala uummata naannichaa guddisan hojiiwwan misoomaa akka karoorfametti akka raawwatamaniif gahee isaa ba'ateera jedhaniiru.
Keessattuu bara baajataa xumurame keessa Caffichi amaanaa uummatni itti kenne sirnaan ba'achaa turuu isaa yaadachiisanii, mirga uummataa kan kabachiisan, nageenyaaa, misoomaa fi guddina kan ariifachiisan murteewwan hedduu dabarsuu isaa dubbataniiru.
Seera baasuu qofaan galma yaadame bira gahuun waan hin danda'amneef, seeronnii fi karoorawwan misoomaa ba'an hojii irra akka oolan Caffeen hojiiwwan deggarsaa fi hordoffii cimaa gaggeessaa akka ture dabalanii ibsaniiru.
Kanaanis naannichatti dameewwan nageenyaaa, hawaasummaa fi misooma dinagdeetiin milkaa'inawwan qabatamaan galmeeffamuu danda'uu isaanii eeraniiru.
Yaa’ichi raawwii hojii bara baajataa xumuramee fi kallattiiwwan fuulduraa irratti, akkasumas hojiiwwan nageenyaa fi misoomaa bara baajatichaa keessa raawwataman irratti gadi fageenyaan mari'achuun kallattii akka kaa'us ibsaniiru.
Kana malees, gabaasa Mana murtii Waliigalaa fi Odiitii naannichaa qoratee ni raggaasisa jedhamees akka eegamu dubbataniiru.
Akkasuma Baajata raawwii karoora hawaasummaa fi dinagdee bara 2019 dabalatee ajandaawwan adda addaa irratti gadi fageenyaan mari'achuun kan raggaasisu ta'uu isaa ibsaniiru.