Naannoo Oromiyaatti bara baajatichatti dameewwan misoomaa gurguddoon bu’aawwan abdachiisaa ta’an galmeeffamaniiru - ENA Afaan Oromoo
Naannoo Oromiyaatti bara baajatichatti dameewwan misoomaa gurguddoon bu’aawwan abdachiisaa ta’an galmeeffamaniiru
Adoolessa12/2018(ENA):Naannoo Oromiyaatti bara bajataa kana keessa hojiiwwan dameewwan misoomaa gurguddoo irratti raawwatamaniin bu’aawwan abdachiisoon galmeeffamuun ibsame.
Yaa’ii idilee 11ffaa Caffee Oromiyaa adeemsifamaa jiru irratti, miseensonni Caffee gaaffiiwwan nageenya kabachiisuu fi tajaajila bu’uuraalee misooma ilaallatan kaasaniiru.
Gaaffiiwwan ka’aniif deebii fi ibsa kan kennan gaggeessitoonni hojii dameewwan garaa garaa naannichaa, bara bajataa kana keessa hojiiwwan abdii namaa kennan raawwatamuu isaanii ibsaniiru.
Hogganaan Biiroo Bulchiinsaa fi Nageenya Naannoo Oromiyaa Komishinar Araarsaa Mardaasaa; nageenya naannichaa mirkaneessuuf hojii qindoominaa hojjetameen nagaan naannichaa fooyya’aa dhufuu isaa dubbataniiru.
Hawaasnii fi mootummaan waliin ta’uun hojii hojjetaniin nagaan naannichaa yeroo gara yerootti fooyya’aa dhufuu isaa eeranii, kanaanis naannichatti filannoon biyyaalessaa 7ffaan nagaadhaan xumuramuunsaa agarsiistuu tokko jedhaniiru.
Mootummaan dandeettii qaamolee nageenya naannichaa cimsuuf xiyyeeffannoo kennee hojjechaa kan jiru yoo ta’u, kana milkeessuufis hojiiwwan ijaarsa dandeettii irratti xiyyeeffatamee hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.
Ammas naannichatti qaamolee meeshaa waraanaa baatanii socho’an waamicha nagaa dhiyaateef kan fudhatan yoo ta’e, mootummaan naannichaa mari’achuuf qophaa’ee eegaa jira jechuun ibsaniiru.
Gama biraatiin, Mootummaan Naannoo Oromiyaa qulqullina barnootaa mirkaneessuudhaan dhaloota dorgomaa ta’e horachuuf hojiin jalqabe milkaa’aa dhufuu isaa Hogganaan Biiroo Barnoota Naannichaa Dr. Tolaa Bariisoo ibsaniiru.
Naannichatti hojiin barnootaa adeemsa gaarii irratti kan argamu ta’uun kan kaasani hogganaan kun, barattoonni naamusa gaariin bocamanii fi dandeettii kan qaban ta’anii akka bahan hojiin eegalame cimee itti fufa jedhaniiru.
Haaluma walfakkaatuun, naannichatti jireenya horsiisee bulaa jijjiiruuf hojii raawwatameen bu’aawwan jajjabeessoon argamuu isaanii Hogganaan Biiroo Jallisii fi Horsiisee Bulaa Naannichaa Injinar Girmaa Raggasaa dubbataniiru.
Waggoottan darbanitti hojiiwwan hojjetamaniin pirojektoota jallisii 512 xumuruun hojii eegalchiisuun danda’amuu ibsaniiru.
Hogganaan Biiroo Daandiiwwanii fi Loojistiksii Naannichaa Injiinar Helen Taammiruu gama isaaniitiin, gaaffiiwwan bu’uuraalee daandii uummataa sadarkaa sadarkaan deebi’aa jiraachuu dubbataniiru.
Keessattuu hanqinni dandeettii kontiraakterootaa,qaala’insa meeshaalee ijaarsaa fi bakkoota tokko tokkotti rakkoon nageenyaa mul’atan harkifannaa pirojektoota daandiitiif sababa akka ta’an eeranii, rakkoolee kana qaamolee dhimmi ilaallatu waliin furuudhaan hojiiwwan daandii ariifachiisuuf ni hojjetama jedhaniiru.
Dhaqqabamummaa bishaan dhugaatii naannichaa guddisuuf xiyyeeffannoo guddaan kennamee hojii hojjetameen uwwisa bishaan dhugaatii qulqulluu naannichaa guddisuun danda’amuu isaa kan dubbatan ammoo Hogganaa Biiroo Bishaan fi Inarjii Naannichaa Injinar Miliyoon Baqqalaati.
Biiroon kun bajata mootummaan alatti hirmaannaa hawaasaa fi qaamolee tumsitootaa fayyadamuun uwwisa bishaan dhugaatii guddisuuf hojii qabatamaa hojjechuu isaa ibsaniiru.