Tamsaasa Kallatti:

Kantiibaan magaalattii aadde Adaanech Abeebee dhaabbilee bu'aa olaanaa galmeessaniif beekamtii kennani

Adoolessa 12/ 2018 (ENA): Bara bajataa 2018 keessa biiroowwan, dhaabbilee, kutaalee magaalaa fi aanaalee hojiiwwan fayyadamummaa ummataa mirkaneessan hojjechuun bu'aa olaanaa galmeessisaniif beekamtii fi badhaasni kennamuu Kantiibaa Adaanech Abeebee ibsan.


Haaluma kanaan:

Biiroowwan miseensa Kaabinee ta'an (badhaasa konkolaataa)

• Biiroo Bulchiinsa Nageenyaafi Tasgabbii
• Biiroo Fayyaa
• Biiroo Galii
• Biiroo Diizaayinii fi Hojii Ijaarsa
• Biiroo Barnootaa

• Badhaasa addaa kan argate: Giddugala Haaromsa Dubartootaa fi Gabbisa Dandeettii "Le Negewaa"

Kutaalee Magaalaa (badhaasa konkolaataa)

• Kutaa Magaalaa Boolee
• Kutaa Magaalaa Lammii Kuuraa
• Kutaa Magaalaa Addis Katamaa

Dhaabbilee miseensa Kaabinee hin taane (badhaasa konkolaataa)

• Abbaa Taayitaa Kabachiisa Dambii
• Abbaa Taayitaa Daandiiwwanii
• Abbaa Taayitaa Bishaanii fi Dhangala'aa
• Abbaa Taayitaa Konkolaachisaa fi Konkolaataa
• Ejensii Bulchiinsa Qulqullinaa

Kana malees, aanaalee 33 keessaa, kutaa magaalaa hunda keessatti aanaa tokkoon tokkoon irraa hojii gaarii hojjetaniin sadarkaa 1ffaa hanga 3ffaatti kan bahan badhaafamaniiru.

Biiroowwan miseensa Kaabinee ta'an (badhaasa ragaa beekamtii)

• Biiroo Faayinaansii
• Biiroo Misooma Industirii
• Biiroo Kominikeeshinii
• Biiroo Daldalaa
• Biiroo Haqaa

Dhaabbilee miseensa Kaabinee hin taane (badhaasa ragaa beekamtii)

• Tajaajila Galmee Sivilii fi Jiraattummaa
• Bulchiinsa Misooma Bakka Hojii
• Addis Miidiyaa Netiwoorki (AMN)
Kutaalee Magaalaa (badhaasa ragaa beekamtii)

• Kutaa Magaalaa Kolfee
• Kutaa Magaalaa Lidataa
• Kutaa Magaalaa Eekkaa

Beekamtii fi badhaasni har'a kenname kun hojii waloo hoggantoota, ogeessota sadarkaa hunda, qaamolee dhimmi ilaallatuu fi ummata waliin hojjete hundaaf kan kenname ta'uu Aadde Adaanech ibsaniiru.


"Kunis hojii caalaatti cimsinee fayyadamummaa ummataa akka mirkaneessinu, miira dorgommii gaarii akka uumnu, akkasumas warri duubatti hafan of madaalanii gara fuulduraatti akka tarkaanfatan kan jajjabeessudha" jedhan.

Kanaafuu, beekamtiin kun bara bajataa itti aanu keessattis ciminaan hojjechuun fayyadamummaa ummataa fi tajaajila hawaasaaf dhiyaatu caalaatti akka mirkaneessinu imaanaa nutti kenname guddaadha jedhan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015