Raawwiin hojii bara 2018 fi karoorri tarsiimoo waggaa 5 bu’aa % 96 oliin xumurame – Kantiibaa Adaanech Abeebee - ENA Afaan Oromoo
Raawwiin hojii bara 2018 fi karoorri tarsiimoo waggaa 5 bu’aa % 96 oliin xumurame – Kantiibaa Adaanech Abeebee
Adoolessa 12/2018(ENA): Raawwiin hojii bara 2018 fi karoorri tarsiimoo waggaa 5 magaalaa Finfinnee bu’aa % 96 oliin xumurame jedhan Kantiibaa Adaanech Abeebeen.
Gamaaggama gaggeeffamaa turen karoorawwan kana guutummaatti milkeessuuf aadaa hojii halkanii fi guyyaa (24/7) hordofuun, hanqinoota jiran sirreessuuf walii galameera jedhan.
Hojiiwwan dameewwan diinagdee, hawaasummaa, siyaasaa fi kanneen biroo magaalaa guddoo biyyattii keessatti galmaa’an magaalattii bareedduu fi qulqulluu taasisuu qofa osoo hin taane, beekamtii idil-addunyaa argamsiiseera jechuun ibsaniiru.
Qaala’insa tasgabbeessuu, pirojektoota misoomaa gurguddoo galmaan gahuu, iftoominaa fi itti gaafatamummaa mirkaneessuun fayyadamummaa lammiilee mirkaneessuu akka danda’ames beeksisaniiru.
Itti aanaan kantiibaa magaalaa Finfinnee fi Hogganaan Biiroo Misooma Industirii obbo Jaaxiraar Abbay gama isaaniin akka ibsanitti, waggoota shanan darban keessatti gama magaalatti miidhagsuutiin milkaa’inni hunda galeessa galmaa’uusaa himaniiru.
Bu’aan argame bu’aa hooggansi gaaffii ummataaf deebii kennuu fi pirojektoota gurguddoo qulqullinaa fi saffisaan hojiirra oolchuuf kutannoo qabaachuu isaa ta’uu ibsaniiru.
Hogganaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Finfinnee obbo Mogas Baalchaa akka ibsanitti bara baajata 2018tti badhaadhina waliigalaa magaalichaa fi Itiyoophiyaa saffisiisuuf hojiiwwan hojjetamanii milkaa’aa dha jedhani.
Bifa gaarii magaalattii guddisuu fi fayyadamummaa ummataa mirkaneessuu keessatti bu’aa qabatamaan argamuu akka akka danda’es dubbataniiru.
Itti aanaan kantiibaa itti gaafatamaan Biiroo Hojii fi Ogummaa Finfinnee obbo Miliyoon Maatiwoos hojiiwwan diinagdee ijoo magaalattii keessatti raawwatamaa jiran lammiileef carraa hojii bal’aa uumaa akka jiran hubachiisaniiru.
Itti dabaluudhaanis, fayyadamummaa carraa hojii lammiilee mirkaneessuu keessatti dameen industirii, qonna magaalaa, konistiraakshinii fi tajaajilaa iddoo guddaa qaba jedhan.
Itti aanaan kantiibaa hogganaa Biiroo pablik sarvisii fi Misooma humna namaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinee Dr. Jamaaluu Jambaruu gama isaaniitiin tajaajilli mootummaa dijitaalaa itti quufinsa fayyadamtootaa dabalaa jiraachuu ibsaniiru.
Dandeetti sirna ammayyaa tajaajila wiirtuu tokkoon eegalame daran cimsuun qaqqabummaa isaa akka babal’isu ibsaniiru.