Tamsaasa Kallatti:

Nuti Dargaggoonni Naannoo Tigraay nagaa fi misooma malee waraanaa garee ABUT seeraan alaa hin barbaannu.

Adoolessa 12 /2018 (ENA): Dargaggoonnii fi ummanni Naannoo Tigraay nagaa fi misooma amalee waraanaa garee ABUT seeraan alaa hin barbaannu jedhan dargaggoonni ukkaamsaa fi humnaan butamuu garee ABUT seeraan alaa jalaa baqatanii gara Finfinnee dhufan.

Hiriira nagaa mata duree "Ukkaamsaan haa dhaabbatu; Nagaan haa jiraatu" jedhuun gaggeeffame kana irratti dhalattoonni naannichaa, dargaggoonni gara Finfinneetti baqatan, jaarmiyaaleen siivilii fi kutaaleen hawaasaa adda addaa argamaniiru.

Dargaggeessi ukkaamsaa fi humnaan butamuu irraa gara Finfinneetti baqate ENAtti akka himetti, Gareen ABUT seeraan alaa humnaan dargaggoota naannichaa gara mooraa waraanaatti dabarsaa jira jedhe.

Gareen seeraan alaa kun dargaggoota naannichaa humnoota diigumsaa Sudaanii fi Shaabiyaatti gurguruun gocha hammeenya namummaa hin qabne kan kabaja dhala namaa sarbu raawwachaa jira jedheera.

Namoota yaada kennan keessaa dargaggeessi Solomoon Imbaayee; gareen seeraan alaa waraana kaasu kun dogoggora darberraa osoo hin baratiin lola biraatiif qophaa’aa akka jiru dubbateera.

Gareen daldaltoota waraanaa seeraan alaa kun, karaa gamtaa diigumsaa Tsimdoo jedhamu, dargaggoota mana amantaa, gabaa fi daandii hunda keessatti butamanii gabaa biyya alaattillee gurguruun haadholii boochisaa jira jedheera.
Dargaggeessi kun, fedhiin ummata Tigraay nagaa fi misooma waaraa qofa akka ta’e kan dubbate yoo ta’u, itti dabaluunis haadholiin humnoota hidhatan waliin wal dura dhaabbachuun diddaa isaanii ibsaa jiru jedheera.

Gareen seeraan alaa kun mootummaa federaalaa waliin Waliigaltee Nageenyaa Piriitooriyaa mallatteesse diiguun, humnoota farra nagaa waliin tumsa seeraan alaa taasisuun jeequmsaa fi gidiraa ummata irratti geessisaa jiru mootummaan Federaalaa akka dhaabsisu gaafateera.

Immiruu Biraanuu Gareen seeraan alaa kun dargaggoota humnoota biyya alaatti gurguruun madda galii taasifachaa jiraachuun isaa iccitii ifa ta’e dha jedheera.
Dargaggoonnii fi ummanni naannoo Tigraay biyya keessaa fi biyya alaa jiraatan fedhii nagaa akka agarsiisan waraanni garee kanaa falmuudhaan akka mul’isan dhaameera.

Dargaggoo Mabraatuu Kalaayyuu gama isaatiin, ukkaamsaan gareen kuni naannichatti raawwachaa jiru ummata irratti rakkoo hamaa fiduu fi dargaggoonni akka godaananiif kan dirqisiise ta’uu himeera.

Itti dabaluunis, jeequmsa gareen kun dargaggoota butuun raawwachaa jiruun alattis qonnaan bultoonni qonna isaanii sirnaan akka hin gaggeeffanne dhiibbaa taasisaa jira jedheera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015