Tamsaasa Kallatti:

Ergaa Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa lammiilee Itoophiyaa hundaaf dabarse.

Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa lammiileen odeeffannoo sobaa irraa of eeguu fi Komishinicha irratti amantaa guutuu qabaachuun deeggarsa isaanii cimsuu akka itti fufan waamicha dhiheessa.

Komishinichi Konfiraansii Marii Biyyaalessaa seena qabeessa Adoolessa 8, 2018 eegale ilaalchisee namoonni dhuunfaa fi gareewwan tokko tokko karaa miidiyaa hawaasaatiin odeeffannoo dhugaa hin taane facaasaa akka jiran irra gaheera.
Komishinichi akka dhaabbata walaba ta’ee fi bilisummaa dubbii guutummaatti kabajuutti, yaadotaa fi marii ijaarsaa kan simatu ta’us, ummanni bal’aan Itiyoophiyaa odeeffannoo sobaan akka hin dogoggorre hordofuu fi beeksisuuf dirqama qaba.

Yaa’iin Marii Biyyaalessaa kan lammiilee Itiyoophiyaa hundaati. Milkaa’inni adeemsa kanaa lammiileen obsa, ogummaa fi miira itti gaafatamummaa waliiniitiin hirmaachuuf kutannoo waloo irratti hundaa’a. Kun ta'aa jira. Adeemsi kun jalqabameera, malee bu'aan isaa ammallee hin xumuramne. Bu'aa kana obsaan eeggachuun ummata Itiyoophiyaa guutuu irraa eeggama.

Konfiraansiin Marii Biyyaalessaa Adoolessa 8, 2018 eegale bu’uura hojmaata Komishinichi baaseen gaggeeffamaa jira. Haaluma kanaan, guyyoota afran darbanitti hirmaattonni konfiraansichaa akka wal beekanii fi adeemsa kanaaf qophii sammuu fi xiinsammuu faayidaa qabu akka godhan haala mijeessuun, itti gaafatamummaa biyyaalessaa guddaa imaanaa itti kenname sirnaan akka ba’an wal baruu dabalatee; kunis qaama Konfiraansii Marii Biyyaalessaa ta’uun hubatamuu qaba.

Osoo kun ta’aa jiruu namoonni dhuunfaa fi gareewwan tokko tokko Komishinichi marii kana jalqabuu irratti rakkoon akka isa mudate miidiyaa hawaasaa irratti odeeffannoo dogoggoraa tamsaasuun isaanii irra gahameera.

Kanaafuu, odeeffannoon dogoggoraa akkasii namoota dhuunfaa fi gareewwan ajandaa mataa isaanii qabaniin daran guddachuu waan danda’aniif, ibsa Komishinichaa fi miidiyaaleen lafa irratti argamaniin adeemsa marii kana gabaasuuf kennaniin qofa marii guyyaa guyyaan gaggeeffamu hordofuun odeeffannoo dogoggoraa irraa of eeguun adeemsa marii kana akka deeggaran Komishinichi waamicha dhiyeessa.

Komishinii Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa
Adoolessa 12, 2018

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015