Tamsaasa Kallatti:

Gaaffiilee miseensoonni Caffee kaasan muraasa

Adoolessa 12/ 2018 (ENA) : Caffeen Oromiyaa Yaa'ii idilee 11ffaa Bara Hojii Caffee 6ffaa Waggaa 5ffaa Galma Caffeetti gaggeessaa jira.


 

Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan gabaasa raawwii hojii bara baajataa 2018 fi karoora of danda'uu bara 2019 dhiyeessaniiru.


 

Yaa’ii idilee kana irrattis Miseensonni Caffee gaaffilee dhiyeessaniiru.

• Rakkoo bishaan dhugaatii magaalaa walisoo,

• Daandii magaalaa fi Liibanii ammayyaa furmaata akka argatu

• Rakkoo daandii keessoo magaalaa walisoo,

• Daandiin asphaaltii keessoo Magaalaa Gimbii bara 2018 caalbaasiirra ture hanga ammaatti xumuramuu dhabuun sababa akkamiin akka ta’e ibsa gaafataniiru.

• Babal'inni Hospitaala Baabboo Gambeel, Piroojketiin Jaallisii Baabboo Gambeelii fi raawwiin Piroojektootaa kanneenii xiyyeeffannoo addaa kan barbaadu ta’uu.

• Hanqina kitaabaa furuu fi dandeettii barsiisootaa guddisuurratti hojiilee hojjetamaa jiran ilaalchisee

• Harkifachuu Daandii Asfaaltii Magaalaa Maayaarraa Harar Kombolchaa,

• Rakkoon Bishaan dhugaatii magaalaa Maayaa fi Aanaa Meettaa gaaffii ummataa ta’aa jiraachuu kaasan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015