Omisha 2017/18tti hojii qonna gannaa raawwatamaa tureen lafti hek.mil.11.8 midhaan gosa adda addaan uwwifame irraa callaa kunt. mil. 342.9 argachuun danda'ameera- Obbo Shimallis Abdiisaa - ENA Afaan Oromoo
Omisha 2017/18tti hojii qonna gannaa raawwatamaa tureen lafti hek.mil.11.8 midhaan gosa adda addaan uwwifame irraa callaa kunt. mil. 342.9 argachuun danda'ameera- Obbo Shimallis Abdiisaa
Adoolessa 12/2018(ENA): Qonni utubaa guddina dinagdee naannoo keenyaa isa ijoo ta'ee hojii hojjetamaa jiruun bu'aawwan gurguddoon galmaa'aa dhufaniiru. Haaluma kanaan; bara oomisha 2017/18tti hojii qonna gannaa raawwatamaa tureen lafti hek.mil.11.8 midhaan gosa adda addaan uwwifame irraa callaa kunt. mil. 342.9 argachuun danda'ameera.
Gama birootiin; misooma qonna gannaa bara oomisha 2018/19tii yeroo ammaa gaggeeffamaa jiruunis; sirna oomishaa dabalatee lafa hek mil. 12.35 facaafamu irraa oomisha kunt. mil. 393.32 argachuuf karoorfamee hojii hojjetamaa jiruun; hanga ammaatti lafti hek. mil. 9.7 facaasaaf qophaa'ee hek. mil 5.26 midhaan gosa adda addaan uwwisuun danda'ameera jedhan obbo Shimallis Abdiisaa.