Tamsaasa Kallatti:

Piroojeektii Finnaa 73 mootummaan raawwachuuf qabate keessaa 37 tajaajila eegalan - Pir. Shimallis Abdiisaa

Adoolessa 12/ 2018 (ENA) : Caffeen Oromiyaa Yaa'ii idilee 11ffaa Bara Hojii Caffee 6ffaa Waggaa 5ffaa Galma Caffeetti gaggeessaa jira.

Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan gabaasa raawwii hojii bara baajata 2018 dhiyeessaa jiru.

Piroojektoonni misooma jallisii ijaarsaa fi ijaarsaan alaa sagantaa mootummaa fi qaamolee deeggartootaan 296 gaggeeffamaa turuu eeruun, kana keessaa 192 xumuramuu himani.

Piroojeektii Finnaa 73 mootummaan raawwachuuf qabate keessaa 37 xumuramuun tajaajilaaf banamuu dubbatan.

Akkasumas waliingahiinsa bishaan dhugaatii guddisuuf sagantaalee adda addaan hojjetamuu eeraniiru.

Pitoojektoonni bishaan dhugaatii kumni 2 fi 333 xumuramuun lammiilee miiliyoona 2.27 ol fayyadamaa taasisuu ibsan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015