Tamsaasa Kallatti:

Qaama karaa nagaa nan qabsaa'a jedheef balballi nagaa banaadha- Obbo Shimallis Abdiisaa, PMNO

Adoolessa 12/2018(ENA): Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa, gabaasa raawwii hojii bara 2018 Caffee Oromiyaaf yeroo dhiyeessanitti, mootummaan nageenya mirkaneessuu fi olaantummaa seeraa kabachiisuuf xiyyeeffannoo guddaa kennee hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Kana keessatti, qaama qalbii jijjiirratee karaa nagaa qabsaa'uuf fedha qabu hundaaf balballi nagaa ammas banaa ta'uu dubbatan. Nageenya dhabuun boqonnaa sammuu, tasgabbii fi carraa guddina dhala namaa kan danqu ta'uu kan kaasan Obbo Shimallis, humnoonni nagaa ummataa booressan hafuura seexanaa fi kufaatii xinsammuutiin kan guutaman ta'uu ibsan. Dabalataanis, humnoonni kunneen deeggarsa diinota alaa fi keessaa fudhachuun lubbuu fi qabeenya lammiilee irratti miidhaa geessisaa akka jiran addeessaniiru.

Humnoonni kunneen ergamaafi deeggarsa diinota biyya alaafi keessaarraa kennamuuf fudhachuun lubbuu namoota nagaa, lammii irraa dhalateefi keessatti guddate qumaara godhachuu, qabeenyasaa saamuufi barbadeessuun seenaa gurraacha ofirratti galmeessanii jiru jedhan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015