Mootummaan Naannoo Oromiyaa rakkoolee keessatti milkaa’inoota hedduu galmeesse – Pir. Shimallis Abdiisaa - ENA Afaan Oromoo
Mootummaan Naannoo Oromiyaa rakkoolee keessatti milkaa’inoota hedduu galmeesse – Pir. Shimallis Abdiisaa
Adoolessa 12/ 2018 (ENA) : Caffeen Oromiyaa Yaa'ii idilee 11ffaa Bara Hojii Caffee 6ffaa Waggaa 5ffaa Galma Caffeetti gaggeessaa jira.
Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan gabaasa raawwii hojii bara baajata 2018 dhiyeessaa jiru.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa bara 2018 keessa rakkoolee adda addaa keessatti milkaa'inoota galmeessera jedhan.
Barii 2018 bara biyyattiin badhaadhina lammiilee milkeessuuf mataa ol qabachuu eegaltee fi olkaa'insa itti jalqabdee ta'uu ibsaniiru.
Akkasumas filannoo marsaa 7ffaa dimookiraatawaa fi haqa qabeessa ta'e gaggeeffameen sagaleen ummataas akka kabajamu taasisuun shaakalli diimookiraasii biyattiitti mul'achuu himaniiru.