Caffeen Oromiyaa imaanaa uummanni itti kenne bahachaa jira- Aadde Sa'aadaa Abdurrahamaan - ENA Afaan Oromoo
Caffeen Oromiyaa imaanaa uummanni itti kenne bahachaa jira- Aadde Sa'aadaa Abdurrahamaan
Adoolessa 12/2018(ENA): Yaa'ii Caffee idilee 11ffaa Bara Hojii Caffee 6ffaa Waggaa 5ffaa geggeeffamaa jiru irratti haasawaa baninsaa kan taasisan Af-Yaa'iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa'aadaa Abdurrahamaan Caffeen Oromiyaa imaanaa uummanni itti kenne sirnaan bahachaa jiraachuu ibsaniiru.
Caffeen seerotaafi dantaa ummataa kabachiisan, fayyadamummaa ummataa mirkaneessan, raggaasuun hojiirra oolchaa jiraachuu eeranii, hojii qindoomina qabuun hojjatameen milkaa'iinni olaanaan argamuus himaniiru