Caffeen Oromiyaa Yaa'iisaa idilee har'a gaggeessuu eegaleera! - ENA Afaan Oromoo
Caffeen Oromiyaa Yaa'iisaa idilee har'a gaggeessuu eegaleera!
Adoolessa12/2018(ENA): Caffeen Oromiyaa Yaa'iisaa idilee 11ffaa Bara Hojii Caffee 6ffaa Waggaa 5ffaa har'a Galmaa Caffeetti gaggeessuu eegaleera.
Yaa'iicharratti gabaasni raawwii hojii qaama raawwachiiftuu kan bara 2018 fi kallattiin karooraa bara 2019 akkasuma gabaasni raawwii hojii qaama seera hiiktuu miseensota Caffeef dhiyaachuun irratti ni mari'atama.
Wixineen labsii baajata dabalataa bara 2018 qarshii biliyoona 84 fi baajata bara 2019 qarshii biliyoonni 700 fi biliyoona 4 Caffeef ni dhiyaata
Muudamni abbootii seeraas Caffeef dhiyaachuun ni raggaasifama.