Tamsaasa Kallatti:

Sagantaan ashaaraa magariisaa dhiibbaa jijjiirama haala qilleensaa damdamachuurra darbee aadaa tajaajila tola ooltummaa dargaggootaa guddiseera

Adoolessa 11/2018(ENA)- Sagantaan ashaaraa magariisaa dhiibbaa jijjiirama haala qilleensaa damdamachuurra darbee aadaa tajaajila tola ooltummaa dargaggootaa guddisaa akka jiru waldaan dargaggoota Finfinnee ibse.

Yaada ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad maddisiisaniin bara 2011 kan eegalame sagantaan ashaaraa magariisaa bosona badaa dhufee fi biyyoo dhiqamaa ture ittisuudhaan gumaacha taasisaa jira.

Waggoottan darban biqiltuuwwan biiliyoona 48 ol kan dhaabaman yoo ta’u baranas mata duree ‘abdii haa dhaabnu’ jedhuun biqiltuu biiliyoona 8 ol dhaabuuf hojiitti galameera.

Sagantaan kun bosona dabaluun gamatti carraa hojiillee uumuuf gargaareera.

Waldaan dargaggoota Finfinnee biiroo miidhagina magaalaa fi misooma magariisaa bulchiinsa magaalichaa waliin ta’uun guyyaa har’aa sagantaa ashaaraa magariisaa baranaa gaggeesseera.

Gaggeessitoonnii fi dargaggoonni saganticharratti hirmaatan sagantaan ashaaraa magariisaa jijjiirama haala qilleensaa ittisuun gamatti aadaa tajaajila tola ooltummaa guddisuuf gumaacha taasisaa akka jiru ibsaniiru.

Itti aantuun pirezidaantii waldaa dargaggoota Finfinnee Foolii Nugusee sagantaan ashaaraa magariisaa dhiibbaa jijjiirama haala qilleensaa damdamachuuf, miidhagina magaalattii eeguu fi bakka mijataa uumuuf gumaacha akka qabu dubbatteetti.

Barreessaan waldichaa Ermiyaas Wandimmuu gamasaatiin, sagantaa ashaaraa magariisaa baranaa guyyaa ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin ifoomee eegalee dargaggoon hirmaachaa akka jiran dubbateera.

Sagantichi biyya fooyyofte, badhaadhinaa fi abdiin guutamte dhaloota dhufuuf dabarsuuf kan gargaaru ta’uu ibseera.

Sagantaan ashaaraa magariisaa magaalattii magariisa, qulqulluu fi mijattuu akka taatu taasiseera kan jedhan ammoo kutaa magaalaa Booleetti itti gaafatamaa waajjira qulqullinaa fi miidhaginaa aanaa tokkoo Yenuus Mahaammadi.

Saganticharratti kan hirmaatan dargaggoo Katamaa Baalchaa fi dargaggoo Taganee Boonee gamasaaniin har’a biqiltuu kunuunsuun dhaloota dhufuuf ashaaraa kaa’uu waan ta’eef fulla’insaan biqiltuu akka kunuunsan dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015