Baadiyyaa misoomsuudhaan haala jireenyaa qonnaan bulaa caalaatti bal’isuuf hojiin hojjetamu cimanii itti fufuu qabu-Miseensota Caffee Oromiyaa - ENA Afaan Oromoo
Baadiyyaa misoomsuudhaan haala jireenyaa qonnaan bulaa caalaatti bal’isuuf hojiin hojjetamu cimanii itti fufuu qabu-Miseensota Caffee Oromiyaa
Adoolesa 11/2018(ENA)- Baadiyyaa misoomsuudhaan haala jireenyaa qonnaan bulaa jijjiiruudhaan jireenya ammayyaa akka jiraatu hojiin hojjetamu cimanii itti fufuu qaban Miseensonni Caffee Oromiyaadubbatan.
Miseensonni Caffee Oromiyaa godina Shawaa bahaa aanaa Lumee misooma mandara Haaromee gandoota Dhakaa Booraa fi Tulluu Re’ee daawwataniiru.
Isaan keessaa obbo Hayiluu Dissaa akka ibsanitti, jireenya qonnaan bulaa fooyyessuu fi jijjiiruuf kan eegalame misoomni mandara Haaromee jalqabbii gaariira jira.
Mandarri Haaromee bu’ura misoomaa guutuu bakka tokkotti akka qabatu taasifamuunsaa qonnaan bulaan jireenya ammayyaa akka jiraatu fayyadamnisaa akka mirkanaa’u gochuusaa dubbataniiru.
Bakka jireenyaa namaa fi beelladaa karaa ammayyaa ta’een kan gargar baase, tajaajiloota barnootaa fayyaa, bishaan dhugaatii daandii fi ibsaa bakka tokkotti argachuun haala jireenya qonnaan bulaa guddaa akka jijjiiru ibsaniiru.
Qonnaan bulaan jireenya fooyya’aa akka jiraatu hojjechuun badhaadhina maatii mirkaneessuuf galma kaa’ame kan milkeessu ta’uu kan dubbatan ammoo miseensa Caffee obbo Huseen Guutuuti.
Jijjiiramni guddaan mandara Haaromeetti mul’ate kun bakkeewwan biraatti babal’atee qonnaan bulaan fayyadamaa akka ta’u qoodasaanii akka ba’an ibsaniiru.
Bulchaan aanaa Lumee Dirribaa Tolasaa gamasaaniin, aanichatti misoomni mandara Haaromee gandoota sadii keessatti eegalamuusaa eeraniiru.
Qonnaan bulaan misooma mandaraatiin bu’uraalee misoomaa ibsaa, bishaan dhugaatii qulqullu,daandii, wiirtuu gabaa buufata boba’aa fi kanneen biro bakka tokkotti akka argatu taasifamuusaa ibsaniiru.
Itti aanaan bulchaa godina Shawaa bahaa Guutaa Gadaa gamasaaniin, aanaalee godinichaa 13 keessaa 7 keessatti misoomni mandara Haaromee eegalamuusaa beeksisaniiru.
Keessumaa misoomni mandara Haaromee aanaalee Lumee fi Ada’aa gandoota Dhakaa Booraa, Karraa, Tulluu, Re’ee fi Godiinootti ijaaramaa jiru xumuramaa akka jiru ibsaniiru.
Qonnaan bulaan jireenyasaa jijjiiruu fi haala jireenyaa ammayyaa hordofuuf misooma mandara Haaromee keessa galuusaa beeksisaniiru.
Qonnaan bultootaaf maneen jireenyaa ammayyaa karee meetira 500 bu’ura misoomaa guutuu kan qabuu fi hojiiwwan qonnaa gragaraaf mijataa ta’e qophaa’uu dubbataniiru.
Bulchiinsi godinaa baasii Diizaayinii manneenii dabalatee dhiheessii bu’ura misoomaa danda’uusaa eeranii, baasii ijaarsa manaa qonnaan bulaan ofiisaa danda’uusaa dubbataniiru.