Tamsaasa Kallatti:

Tajaajilli faawundeeshinii herti attaak Itiyoophiyaa fi garee tola ooltotasaa kan dinqisiifatamudha-Kantiibaa Adaanech Abeebee

Adoolessa 11/2018 (ENA) - Tajaajilli tola ooltummaa faawundeeshinii herti attaak Itiyoophiyaa fi gareen tola ooltotasaa jaajalaan kennitan kan jajamudha jedhan Kantiibaan Adaanech Abeebee.

Kantiibaa Adaanech yeroo 5ffaaf Itiyoophiyaa dhufuudhaan dhukkubsattoota onnee 700 caalan waldhaanuun dhukkubarraa fayyisan hundeessitoota faawundeeshinii Heart Attack Ethiopia (Herti attaak Itiyoophiyaa) fi garee tola ooltotaasaa waajjirasaaniitti simachuusaanii fuula miidiyaa hawaasummaasaaniitiin ibsaniiru.

Tajaajilli tola ooltummaa faawundeeshiniin herti attaak Itiyoophiyaa fi garee tolaa ooltotaasaa jaalalaan kennitan onneerraa kan jajamudha jedhaniiru.

Fuulduras dhukkubsattoota onnee waldhaansaaaf darabee eeggachaa jiran deebii hatattamaa akka argatan waliin qindoofnee lubbuu namoota hedduu baraaruuf waliin hojjechuuf walii galleerra jedhaniiru.

Hundeessitootaa fi miseensota garee waldhaansaa tola ooltotaa garee waldhaansaa akkasii qindeessitanii hojii lubbuu baraaruu hojjechuun hamaatan maqaa koo fi maqaa waldhaanamtootaan nan galateeffadha jechuun ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015