Tamsaasa Kallatti:

Caffeen Oromiyaa hojiilee nagaa fi misoomaarratti gadi fageenyaan mari’achuun kallattii hojii itti aanuu ni kaa’a

Adoolessa 11/2018(ENA)- Caffeen Oromiyaa hojiilee nagaa fi misoomaarratti gadi fageenyaan mari’achuun kallattii hojii itti aanuu ni kaa’a jechuun ibsan af-yaa’iin Caffee Oromiyaa adde Sa’aadaa Abduraahimaan.

Yaa’iin idilee 11ffaa wagga 5ffaa bara hojii 6ffaa Caffeen Oromiyaa boru Adaamaa galma Caffeetti n eegalama.

Af-yaa’iin Caffee Oromiyaa adde Sa’aadaa Abduraahimaan yaa’icha ilaalchisuudhaan ibsa kennaniin caffichi turtiisaatiin raawwii hojii bara bajataa 2018 mootummaa naannichaa, karoor bara 2019 fi kallattii hojiirratti gadi fageenyaan ni mari’ata jedhaniiru.

Kana malees gabaasa mana murtii walii galaa fi odiitii walii galaa irratti mari’atee, bajata bara bajataa 2019 misooma hawaasummaa fi dinagdee raawwachiisuuf oolu akkasumas bajata dabalataa ni raggaasa jedhameetu eegama jedhaniiru.

Caffeen kun muudama abbootii murtii ni raggaasa kan jedhan af-yaa’iin kun, yaa’ichi filannoo walii galaa 7ffaa yeroo gaggeeffamee fi marii biyyaalessaatti gaggeeffamuunsaa seena qabeessa isa taasisa jedhaniiru.

Caffeen kun bara bajataa xumurametti hojiiwwan hawaasummaa, dinagdee akkasumas hojiiwwan nagaa fi tasgabbii fi bu’aa argamanirratti gadi fageenyaan akka mari’atu beeksisaniiru.

Ajandaawwan kenniinsa tajaajila haqaa, hojiiwwan odiitii walii galaan hojjetamanii fi bu’aa argamanirratti gadi fageenyaan akka mari’atamu eeraniiru.

Bajanni hojiiwwan misooma hawaasummaa fi dinagdee fi bara bajataa 2019 raawwachiisuuf oolu Caffeef dhihaatee ni raggaafama jedhameetu eegama jedhaniiru.

Qaqqabummaa haqaa mirkaneessuu fi damee kana humna namaa ga’umsa qabuun gurmeessuun akka danda’amu muudamni abbootii murtii leenjii xumuranii Caffeedhaan akka raggaafamu dubbataniiru.

Yaa’iin Adaamaa galma Caffeetti gaggeeffamu boru irraa eegalee guyyoota lamaaf akka turu af-yaa’iin kun dabalanii dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015