Gareen seeraan alaa ABUT ummata Tigraayi misoomarraa boodatti hambisaa jira-obbo Geetaachoo Raddaa - ENA Afaan Oromoo
Gareen seeraan alaa ABUT ummata Tigraayi misoomarraa boodatti hambisaa jira-obbo Geetaachoo Raddaa
Adoolessa 11/2018(ENA)- Gareen seeraan alaa ABUT ummata Tigraayi misoomarraa boodatti hambisaa jiraachuu dura taa’aan paartii Simrat obbo Geetaachoo Raddaa ibsan.
Hiriirri nagaa ukkaamsaa fi cunqursaa gareen seeraan alaa ABUT’n ummata naannoo Tigraayirraan gahu balaaleffatu adda babayii Masqalaatti gaggeeffamaa jira.
Obbo Geetaachoo Raddaa wayita kana dubbii dubbataniin, gareen seeraan alaa ABUT waliigaltee nageenyaa Piriitooriyaa guutummaan hojiirra akka oolchu gurmoofnee qabsaa’uu fi sagalee keenya dhageessifachuu qabna jedhaniiru.
Gareen seeraan alaa ABUT dargaggoota Sudaanitti gurguruu haa dhaabu kan jedhan yoo ta’u gareen seeraan alaa kun ummata Tigraayi misoomarraa boodatti hambisaa jira jechuun ibsaniiru.
Aara galfiin walii galteen Piriitooriyaa ummata Tigraayiif fide yeroo ammaa gufachuusaa yaadachiisanii jijjiirama argame maqsuudhaan bulchiinsa yeroo fonqolcha mootummaatiin buusuusaa fi of muuduusaa kaasaniiru.
Gareen seeraan alaa ABUT Kanaan osoo hin dhaabne dargaggoota dirqamaan loltummaaf qopheessaa jira jedhaniiru.
Gareen seeraan alaa ABUT ijoollee haadha jalaa baasuun gara kaampii waraanaatti galchuunii fi haadholii hidhuudhaan gocha alnamoomaa raawwachaa jira jedhan.
Seeraan ala kan ta’e ABUT aangoo fi qabeenya qofarratti xiyyeeffachuun dargaggoota gidiraaf saaxilaa akka jiru ibsanii, badii gareen kun raawwachaa jiru dhaabsisuun akka barbaachisu dubbataniiru.
Gareen kun dargaggoota fedhiisaanii malee walitti qabuun kaampii waraanaa galchuurra darbee Sudaanii fi Ertiraatti gurguraa akka jiru ibsanii, kunis mirga namaaf kan hindhimmamne gara jabeessa ta’uusaa agarsiisa jedhaniiru.