Tamsaasa Kallatti:

Hiriirri nagaa ukkaamsaa fi cunqursaa gareen seeraan alaa ABUT ummata Tigraayirratti raawwatu balaaleffatu Finfinnee adda babayii Masqalaatti gaggeeffamaa jira

Adoolessa 11/2018 (ENA) - Hiriirri nagaa ukkaamsaa fi cunqursaa gareen seeraan alaa ABUT ummata Tigraayirratti raawwatu balaaleffatu Finfinnee adda babayii Masqalaatti gaggeeffamaa jira.

Hiriira nagaa mana maree nagaa fi jijjiiramaa Tigraayiin mata duree “dhiiga dhangalaasuun haa dhaabatu, nagana haa bu’u” jedhuun qophaa’erratti dhalattoonni Tigraayi Finfinnee fi naannawashee jiraatan, waldaaleen Siviikii, kutaaleen hawaasaa garagaraa hirmaachaa jiru.


Hiriirri kun gareen seeraan alaa kun dargaggoota Tigraayi dirqamaan loltummaaf qopheesaa jiruu fi miidhaa namoomaa ga’aa jiru akkasuma dhiibbaa xiinsammuu cimseetu balaaleffata.

Lammiilee badii tokko malee naannichatti hidhamanii jiran keessumaa haadholiif sagalee ta’uudhaan gocha namoomaa isaanirra ga’u hawaasa addunyaaf hubachiisuun kaayyoo hiriira kanaa ta’uun ibsameera.


 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015