Itiyoophiyaan hulaa Galaanaa dhabdee teessuma lafaan daangoftee jiraachuu waan hin dandeenyeef, gaaffii isheetiif deebiin kennamuun dirqama - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaan hulaa Galaanaa dhabdee teessuma lafaan daangoftee jiraachuu waan hin dandeenyeef, gaaffii isheetiif deebiin kennamuun dirqama
Adoolessa 11/2018(ENA):Itiyoophiyaan hula galaanaa dhabdee teessuma lafaan daangoftee jiraachuu waan hin dandeenyeef, gaaffii isheetiif deebii quubsaa kennuun dirqama akka ta'e hayyoonni ibsan.
Gaaffiin abbummaa hulaa galaanaa Itiyoophiyaa dhimma siyaasaa, dinagdee fi nageenyaa waliin kan hidhate fi dhimma jiraachuu ta'uunsaa ni beekama.
Jireenyas ta'ee guddinni Itiyoophiyaa bishaanota lamaan (Galaana Diimaa fi Laga Abbayyaa) waliin kan walitti hidhame yoo ta'u; seenaan, teessuma lafaatiin dabalataanis seera idil-addunyaatiin kan ragga'e fi sirrii ta'uun isaa ni beekama.
Kanaafuu, dhugaawwan hin darbamne kanneen bu'uura godhachuun, gaaffiin abbummaa hula galaanaa Itiyoophiyaa dhimma haqaa fi jireenyaa ta'ee deebii akka argatuuf hojjetamaa jira.
Dhimma kanarratti ENA’n Hayyoota Yuunivarsiitiiwwan adda addaa dubbise, Itiyoophiyaan hulaa galaanaa dhabdee teessuma lafaan daangoftee jiraachuu waan hin dandeenyeef, gaaffii isheetiif deebii kennuun dirqama ta'uu dubbataniiru.
Yuunivarsiitii Wallaggaatti barsiisaan Saayinsii Siyaasaa fi qunnamtii Idil-addunyaa Gutamaa Daani'eel; biyya dinagdeen ishee babal'achaa jiru, uummata miiliyoona 120 ol kan qabduu fi naannichatti bakka tarsiimo’aa kan qabdu Itiyoophiyaadhaf hulaan galaanaa ba'umsaa fi seensaa kan mataa ishee ta'e dirqama akka barbaachisu ibsaniiru.
Hulaa galaana irraa akka fagaattu kan taasifame cabinsi seenaa lammiilee kan gaddisiisu ta'uu isaa kaasanii, amma irratti gaaffii dhalootaa fi dhimma jireenya biyyaa ta'ee dhiyaachuun isaa sirrii waan ta'eef deebii argachuu qaba jedhaniiru.
Kaniifis, biyyoota biroo waliin waliin misoomuu fi faayidaa waloo irratti kan hundaa'e waan ta'eef deebii gaarii argachuu qaba jedhaniiru.
Yuunivarsiitii Jimmaatti barsiisaan Kutaa Barnoota Maandisa Qabeenya Bishaanichaa Dr. Waaqjiraa Takele; gaaffiin abbummaa hulaa galaanaa Itiyoophiyaa dhimma qananii utuu hin taane dhimma jiraachuu ta'uu isaa addunyaan sirriitti hubachuu qaba jedhaniiru.
Afriikaa keessaa uummata baay'ee kan qabduu fi guddina dinagdee saffisaarra kan jirtu Itiyoophiyaan kiraa buufataatiif sharafa alaa ol'aana baasaa itti fufuun waan hin dandeenyeef, akkasumas naannichatti biyya galaana irraa fagaatte taatee itti fufuun akka hin danda'amne dubbataniiru.
Itiyoophiyaa keessatti lakkoofsi uummataa dabalaa, warshaaleen haaraan babal'achaa, akkasumas meeshaaleen gara alaatti ergaman dabalaa waan dhufaniif hulaa galaanaa qabaachuun ishee dirqama jedhaniiru.