Birmadummaa nyaataa mirkaneessuun ajandaa keenya itti fufiinsa qabudha - ENA Afaan Oromoo
Birmadummaa nyaataa mirkaneessuun ajandaa keenya itti fufiinsa qabudha
Adoolessa 10/2018 (ENA): Oomishtummaa qonnaa guddisuun birmadummaa nyaataa mirkaneessuun ajandaa keenya itti fufiinsa qabudha jedhan itti aanaan pireezdaantii mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Awwaluu Abdii.
Yaa'iin Waliigalaa Buusaa Gonofaa Oromiyaa 3ffaa guyyaa har'aa Adaamaa Galma Abbaa Gadaatti gaggeeffameera.
Akka itti aanaan pireezdaantii mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Awwaluu Abdii jedhanitti, oomishtummaa qonnaa naannichaa guddisuun birmadummaa nyaataa mirkaneessuuf xiyyeeffannoon kennamee jira.
Kunis balaa namtolchee fi uumamaaf deebii ariifataa kennuu fi birmadummaa nyaataa mirkaneessuu keessatti gahee olaanaa akka qabu ibsaniiru.
Aadaa walgargaarsa ummata Oromoo kan ta’e Buusaa Gonofaa hojiirra oolchuun bu’aa argamsiisuus hubachiisaniiru.
Busaa Gonofaan aadaa deeggarsa hawaasaa fi nyaataan of danda’uu cimsuuf tattaaffii waloo ta’uu ibsaniiru.
Kunis aanaalee naannichaa 59 rooba gabaabaa qaba keessatti rakkoolee hawaasummaa uumamuu malu irra aanuuf gargaareera jedhan.
Hojiin kun kuufama nyaataa namootaaf ta’u dabaluu qofa osoo hin taane, bishaan kuusuudhaan soorata beeyladaa misoomsuu danda’eera jedhan.
Buusaa Gonofaa namoomaaf oolchuuf hojii hojjetameen hawaasni hedduun balaa uumamaafi namtolcheerraa baraaramuu Walitti qabaan Yaa'ii Waliigalaa Buusaa Gonofaa Oromiyaa Ambaasaaddar Alamaayyoo Taganuun.
Hojii qonnaa fi maanufaakchariingii irratti bobba’uu kan himan Ambaasaaddar Alamaayyoo, magaalota Bulbulaa fi Naqamtee keessatti industiriiwwan piroosesingii qindoome irratti Buusaa Gonofaan Oromiyaa hirmaachaa akka jiru himaniiru.
Hojiilee Buusaa Gonofaan hanga yoonaatti hojjetamanis yeroo rakkoo waliif birmachuurra darbee bu'uuraan hawaasa tajaajiluuf hojiilee invastimentii, qonnaa, tajaajila, geejjibaa, maanufaakchariingiifi kanneen biroo keessa seenuun birmadummaa mirkaneessuu jalqabeera jedhani.
Bara baajata haaraa kana galmaan ga’uuf qindoominni jiraachuu akka qabus hubachiisaniiru.
Hanga ammaatti naannichatti miseensonni miiliyoona 29.4 galmaa’uu kan himan immoo Itti Gaafatamaa Buusaa Gonofaa Oromiyaa obbo Muhammad Jundaati.
Bara baajataa xumurame kana keessa namoota rakkoof saaxilamoo ta’an deeggaruuf qabeenyi birrii biiliyoona 3.8 ol walitti qabamuu eeraniiru.
Midhaan gosaan walitti qabame kuntaala miiliyoona 2.2 ol nyaata barattootaaf akkasumas akka kuufamaatti akka oolu himaniiru.
Hojii kana galmaan ga’uuf hojii qonnaa, horsiisa beeyladaa fi ijaarsa mana kuusaa irratti xiyyeeffachuu isaaniis eeraniiru.
#Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena#