Misooma kooridaraa dabalatee hojiiwwan namarratti xiyyeeffatan biroo irratti Naannoo Gambeellaa waliin qindoominaan ni hojjanna - Kantiiba Adaanech Abeebee - ENA Afaan Oromoo
Misooma kooridaraa dabalatee hojiiwwan namarratti xiyyeeffatan biroo irratti Naannoo Gambeellaa waliin qindoominaan ni hojjanna - Kantiiba Adaanech Abeebee
Adoolessa 10/2018 (ENA): Misooma kooridaraa dabalatee hojiiwwan namarratti xiyyeeffatan biroo irratti Naannoo Gambeellaa waliin qindoominaan ni hojjanna jedhan Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee.
Kantiiba Adaanech Abeebee har'a Pirezidantii Naannoo Gambeellaa Aadde Alamituu Umood waliin marii bu'a qabeessa waliin hojechuuf dandeessisu gaggeessuu isaanii ergaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaanii irratti barreessaniin ibsaniiru.
Yeroo kanas kunuunsa daa’immanii, misooma kooridaraa, akkasumas hojiiwwan namarratti xiyyeeffatan biroo irratti muuxannoo wal jijjiirraa, waliigaltee keenya cimsuun waliin hojechuuf waliigaltee irra geenyerra jedhaniiru.