Dhaqqabummaa fi qulqullinni tajaajila fayyaa manneen amala sirreessaa keessatti kennamu daran cimuu qaba - ENA Afaan Oromoo
Dhaqqabummaa fi qulqullinni tajaajila fayyaa manneen amala sirreessaa keessatti kennamu daran cimuu qaba
Adoolessa 10/2018 (ENA): Dhaqqabummaa fi qulqullinni tajaajila fayyaa manneen amala sirreessaa keessatti kennamu daran cimuu qaba jedhan Itti Aantuun Af-yaa’ii Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa aadde Loomii Badhoo.
Ministirri Ministeera Fayyaa Doktar Maqdas Dhaabaa gama isaaniitiin tajaajila fayyaa manneen amala sirreessaa keessatti kennamu sirna fayyaa dhaabbataa keessatti hammachuu fi dhaqqabummaa fi qulqullina isaa fooyyessuuf hojiin qindoominaan hojjetamaa jira jedhaniiru.
Sagantaan Tajaajila Tola Ooltummaa Gannaa Damee Fayyaa Bara 2018 Magaalaa Shaggar Mana amala Sirreessaa Daalattiitti ifatti eegalameera.
Itti aantuun Af-yaa’ii Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa aadde Loomii Badhoo haasaa taasisaniin manneen amala sirreessaa iddoo olaantummaan seeraa itti kabajamu qofa osoo hin taane, wiirtuu jijjiiramaa dhalli namaa itti moo’ee fi sirreeffamtoonni beekumsa, dandeettii fi xiinsammuu itti hidhatanii hawaasatti makaman ta’uu ibsaniiru.
Sirreeffamtoonni akkuma lammii kamiiyyuu kunuunsa namoomaa fi fayyaa argachuu qaban hunda argachuuf mirga akka qaban eeruun, dhaqqabummaa fi qulqullinni tajaajila yaalaa argatan daran fooyya’uu akka qabu ibsaniiru.
Tajaajilli fayyaa tola ooltummaa Ganna tajaajila yaalaa argachuufis gahee deeggarsaa akka qabu, tajaajila fayyaa manneen amala sirreessaa keessatti kennamu daran babal’isuun barbaachisaa ta’uu hubachiisaniiru.
Hojiin yaallii fi qorannoon bal’aan qindoomina ogeessota fayyaa mootummaa fi dhuunfaa waliin ta’uun hojjetamuu akka qabu dubbataniiru.
Ministirri Ministeera Fayyaa Doktar Maqdas Dhaabaa, Tajaajilli tola ooltummaa kun sochii biyyaalessaa Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad jalqabsiisan ta’uu eeruun, ministeerichi muuxannoo kana damee fayyaa keessatti cimsee itti fufa jedhani.
Tajaajilli tola ooltummaa Ganna waggaa waggaan damee fayyaatiin kennamu ogeessota fayyaa biyyattii, akkasumas ogeeyyii fayyaa diyaaspooraa fi tola ooltota biroo hirmaachisuun raawwatamaa akka jiru himaniiru.
Kunis lammiilee hedduudhaaf tajaajila fayyaa dhaqqabamaa ta’e babal’isuuf carraa uumuu akka ta’e akeekaniiru.
Sirreeffamtoota manneen amala sirreessaa keessa jiraniifis tajaajilli fayyaa bilisaa, qulqullinaa fi haqa qabeessa ta’e kennamaa akka jirus himaniiru.
Dhaabbileen fayyaa manneen amala sirreessaa keessatti argaman cimsuu fi sadarkaa tajaajila isaanii fooyyessuuf hojiin ni hojjetama jedhaniiru.
Sagantaan kun hojii guyyaa tokkoo ykn yeroo tokkoo osoo hin taane, sagantaa itti fufiinsa qabuu fi dhaabbilee fayyaa fi manneen amala sirreessaa guutuu biyyattii keessatti walitti fufiinsaan hojiirra oolu ta’uus ibsaniiru.
Hoggantoonnii fi qooda fudhattoonni saganticha irratti hirmaatan sagantaa dhaabbii ashaaraa magariisaa irratti hirmaataniru.
#Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena#