Tamsaasa Kallatti:

Yaa’iin idilee mana maree naannoo Hararii wixineewwan labsii fi muudamoota raggaasuun xumurame

Adoolessa 10/2018(ENA)- Yaa’iin idilee 10ffaa marsaa 6ffaa wagga 5ffaa mana maree naannoo Hararii wixineewwan labsii fi muudamoota raggaasuun xumurame.

Manni marichaa yaa’ii idilee gaggeesseen wixinee labsii Hararii moggaasa Biroodkaastiingi Netwoorki jedhuun irra deebi’uun hundeessuuf bahe raggaaseera.

Labsiin fooyya’e kun dhaabbatichi Kanaan dura kan ittiin waamamaa ture moggaasa ejensii quunnamtii hawaasaa jijjiiruurraa eegalee jijjiiramni taasifameeraaf.

Aangoo fi hojii dhaabbatichaa sadarkaa tajaajilli dhaabbilee biroodkaastii ummataa yeroo ammaa irra gahan waliin akka wal simu gochuun, ga’umsa, qulqullinaa fi bu’a qabeessa akka ta’u gochuudhaaf sadarkaa Biroodkaasiingi Neetwoorkiitti hundeessuun waan barbaachiseef fooyyessuun ibsameera.

Har’a guyyaa labsichi raggaafame irraa eegalee itti waamamni Hararii Biroodkaastiingi Neetwoorkiin mana maree naannichaaf akka ta’u labsicharratti ibsameera.

Manni Marichaa labsii sirna bulchiinsaa dhihaateefis raggaaseera.

Labsichi lammiileen mirgaa fi dirqamasaanii hubatanii rakkoolee bulchiinsa gaarii isaan mudatuuf deebii malu akka argataniif akka gargaaru ibsameera.

Akkasumas manni marichaa muudama abbootii murtee mana maree walii galaa sadii raggaaseera.

Manni marichaa yaa’ii idilee kurnaffaa wagga shanaffaa marsaa jahaffaa guyyoota lamaaf gaggeessaa ture xumureera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015