Godina Harargee Lixaatti Qonnaan bultoonni misooma Looziirratti bobba’an jireenyisaanii fooyyyeffachuusaanii ibsan - ENA Afaan Oromoo
Godina Harargee Lixaatti Qonnaan bultoonni misooma Looziirratti bobba’an jireenyisaanii fooyyyeffachuusaanii ibsan
Adoolessa 10/2018 (ENA):Godina Harargee Lixaatti qonnaan bultoonni misooma Loozii irratti bobba'an galii argataniin jireenyi isaanii fooyya'aa dhufuu ibsaniiru.
Godinichatti kanaan dura omishawwan baratamaniin olitti, qonnaan bultoonni oomishaalee gabaa irratti barbaadamaa ta'an bal'inaan oomishaa kan jiran yoo ta'u, keessattuu Misoomni Loozii babal'achaa dhufuun isaa ibsameera.
Waajirri Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa Godinichaa akka ibsetti, aanaalee godinichaa adda addaa keessatti Qonnaan bultoota misooma Loozii irratti dammaqinaan hirmaachisuun galii isaanii caalaatti guddisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu beksiseera.
Waajjirichi fayyadamummaa qonnaan bultootaa mirkaneessuuf toftaalee oomishtummaa fooyyessuu fi hidhata gabaa uumuu irratti hojjetamaa akka jiru ibseera.
Godina Harargee Lixaa Aanaa Shanan Dhugootti qonnaan bultoonni misooma kana kilaasteraan misoomsaa jiran ENA'f yaada kennaniin; kanaan dura boqqolloo fi misingaa qofa oomishaa kan turan lafa isaanii gara misooma Looziitti jijjiiruun galii guddaa argachaa jiru.
Qonnaan Bulaa Diinee Mahaammad Umar Waqtii arfaasaa darbe lafa qonnaa oolmaa sangaa lama irraatti Loozii facaasee callaa kuntaala 10 argachuu ibsaniiru. Oomisha kana gabaatti dhiheessuun galii birrii kuma 100 ol argachuu danda'uusaanii ibsaniiru.
Galii Kanaan fayyadama manaa keessaa bira darbee, ijoollee koo hanga dhaabbata barnoota olaanootti kaffalee barsiisuuf na gargaareera jedhaniiru.
Dargaggoo Ziyaad Abdulqaadir Lafa hektaara tokko irratti kilaateraan misoomsuun loozii facaasee jiru irraa oomisha kuntaala 25 ol argachuuf karoorsuusaa ibseera.
Godinichatti Qindeessaa Misooma midhaanii Godina Harargee Lixaa obbo Miidhagsaa Dheeressaa misooma Looziif haala qilleensaa fi biyyee mijaawaa waan qabuuf, misoomichi qonnaan bultootaaf madda galii isaanii isa guddaa ta'aa dhufeera.
Waqtii arfaasaa baranaas qonnaan bultoota kuma 41 ol hirmaachisuun, lafa hektaara kuma 29 fi 700 ol irratti Loozii kilaasteraan Misoomaa jira.
Misoomni Loozii kun keessattuu godinichatti Aanaalee Shanan Dhugoo, Labuu, Bokee fi Odaa Bultum keessatti bal'inaan gaggeeffamaa kan jiru yoo ta'u, kanaanis oomishni kuntaala kuma 700 ol ni eegama jedhaniiru.