Magaalaa Finfinnee waggoota shanan darban keessatti gara wiirtuu nageenyaa fi misoomaatti jijjiiruun danda’ameera – Kantiibaa Adaanech Abeebee - ENA Afaan Oromoo
Magaalaa Finfinnee waggoota shanan darban keessatti gara wiirtuu nageenyaa fi misoomaatti jijjiiruun danda’ameera – Kantiibaa Adaanech Abeebee
Adoolessa 10/2018 (ENA): Magaalaa Finfinee waggoota shanan darban keessatti rakkoolee hidda fageeffatanii turan furuun gara wiirtuu nageenyaa fi misoomaatti guddisuun danda’ameera jedhan kantiibaan magaalittii aadde Adaanech Abeebee.
Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee gamaaggama raawwii hojii xumurabara baajata 2018 gaggeessuu eegaleera.
Haasaa baniinsaa kantiibaan magaalattii aadde Adaanech Abeebee taasisaniin galmoota bara baajataa fi raawwii karoora tarsiimoo waggaa shanii gamaaggamamuu ibsaniiru.
Waggoota shanan darban keessatti galmoota tarsiimoo kaa’aman guutummaatti hojiirra oolchuun bu’aawwan hedduun galmaa’uu kantiibaan magaalattii himaniiru.
Finfinneen rakkoolee hundee gadi fagoo qaban furuun jijjiirama hundee yaadaa uumuun gara wiirtuu nageenyaa fi misoomaatti jijjiiramuu dandeesseetti jedhani.
Magaalaa Finfinnee magaalaa qulqulluu,magariisaa fi miidhagduu taasisuun hojjetameen xiyyeeffannoo addunyaa ta’aa jirti jedhani.
Bu’aafi milkaa’inni hedduun jiraatus, ammas hojii kanaan ol hojjechuuf kutannoon hojjechuun barbaachisaadha jedhani.
Qaawwi raawwii hojii hooggansaa fi dhimmi qaala’insa jireenyaa ni gamaaggama jedhaniiru kantiibaan kun.
Gama fedhii ummataa misoomaafi galma badhaadhinaatiin hojiin hojjetamuu qabu hedduun akka jiru eeruun, milkaa’inoota babal’isuun qormaata jiru adda baasuun hiikuu fi raawwii olaanaa galmaan ga’uuf tattaaffiin taasifamuu akka qabu dubbataniiru.
#Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena#