Tamsaasa Kallatti:

Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee raawwii hojiiwwan xumura bara baajata 2018 gamaaggamuu eegala

Adoolessa 10/2018 (ENA): Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee raawwii hojiiwwan cumura bara baajata 2018 gamaaggamuu eegaleera.
Kantiibaan magaalattii aadde Adaanech Abeebeen ergaa fuula miidiyaa hawaasaa isaaniin dabarsaniin, har’a raawwii hojiiwwan cumuraa bulchiinsa magaalaa keenyaa bara baajata 2018 gamaaggamuu jalqabneerra jedhan.


Waltajjii gamaaggama raawwii hojii guyyoota sadii walitti aansuun turu irratti galmoota bara baajataa kaa’an, akkasumas bara baajata 2018 karoora tarsiimoo waggaa shanii waan ta’eef raawwii hojii waggoota 5 darbanii ni gamaaggamna jedhan.

Akkuma beekamu waggoota 5’n darban keessatti galmoota tarsiimoo kaa’an guutummaatti hojiirra oolchuuf 24/7 (halkaniif guyyaa) amanamummaa fi garaa qulqulluun hojjannee bu’aa hedduu galmeessinee jirra jedhan.
Keessattuu magaalaa guddoo keenya Finfinnee ajandaa hin barbaachifne keessaa baafnee, wiirtuu misoomaa fi nageenyaa taasifneerra jedhani.

Magaalaa qlqulluu, magariisaa fi miidhagduu ta’uun ishee xiyyeeffannoo addunyaa argatteetti jedhani.
Milkaa’inoonni keenya akkuma jiranitti ta’ee ammallee hojiin hedduun hojjennu jira jedhaniiru.
Keessattuu garaagarummaa bu’a qabeessummaa hoggansa keenyaa, qaala’insa jireenyaa fi rakkoo godaansaa magaalaa keenya keessatti mul’atu gadi fageenyaan ni gamaaggamna jedhan.


Milkaa'ina hedduu galmeessinus ammas gama fedhii ummataa misoomaaf qabuu fi galma badhaadhina keenyaatiin karaa dheeraan nu hafa kan jedhan yoo ta’u, kanaaf milkaa'ina keenya babal'isuun, akkasumas qormaata adda baasuu fi furuun wiirtuu madaallii keenyaa ta’a jedhan.

Dabalataanis waa'ee xiyyeeffannoo gara fuula duraa irratti akka mari'atan ergaa isaanii keessatti beeksisaniiru.

#Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena#

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015