Tamsaasa Kallatti:

Manni maree naannoo Hararii bara bajataa 2019’f bajata birrii biiliyoona 12 tuqaa 8 ol raggaase

Adoolessa 10/2018(ENA)- Manni maree naannoo Hararii bara bajataa 2019’f bajata birrii biiliyoona 12 tuqaa 8 ol raggaaseera.

Yaa’iin idilee 10ffaa marsaa 6ffaa wagga 5ffaa mana maree naannoo Hararii itti fufeera.

Manni marichaa yaa’ii guyyoota lamaaf gaggeessaa jiruun bajata naannichaa bara bajataa 2019 biiroo faayinaansii fi tumsa misooma dinagdeetiin dhihaateef birrii biiliyoona 12 tuqaa 8 raggaaseera.

Wixinee bajataa kana hogganaa biiroo faayinaansii fi tumsa misooma dinagdee naannichaa Mahaammad Yaahiyaatu dhiheesse.

Ramaddii bajataa keessaa dhibbantaan 65 bajata kaappitaalaa yoo ta’u, dhibbantaan 35 baasii idileef kan ramadame ta’uu dubbataniiru.

Bajanni kun pirojektoota bara 2018 naannicha keessatti eegalamanii hin xumuramiin xumuruuf akkasumas baadiyyaa fi magaalaatti gaaffii bu’ura misoomaa ummataa deebisuuf hojii hojjetamaniif dursaakka kennu dubbataniiru.

Kana malees misooma kooriidaraa baadiyyaa fi magaalaa, bishaan dhugaatii qulqulluu, barnootaa fi fayyaa hojiilee hunda galeessaaf misooma karaa si’ataa ta’een adeemsisuuf kan gargaaru ta’uu ibsaniiru.

Manni marichaa bajata bara bajataa 2019’f dhihaate kanarratti mari’atee raggaaseera.

Manni marichaa wixineewwan labsii garagaraa, fi muudamoota ni raggaasa jedhameetu eegama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015