Tamsaasa Kallatti:

Paartiin Badhaadhinaa yaada isaa hojiitti hiikuun hojiiwwan bu'a qabeessa ta'an hojiirra oolcheera – Obbo Geetuu Wayyeessaa

Adoolessa 10/2018 (ENA): Hoggansi Paartii Badhaadhinaa yaada isaa hojiitti hiikuun hojii mootummaa fi paartii bu’a qabeessa ta’e hojiirra oolchuu isaa itti gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Naannoo Hararii obbo Geetuu Wayyeessaa himaniiru.

Bara baajataa xumurame kana keessatti hojiiwwan hojjetaman ilaalchisee ibsa kennaniin, bara baajataa 2018tti dhaabicha gama hojii, humna namaa fi gurmaa’insa cimsuuf hojjetamaa ture jedhani.

Itti dabaluunis miseensonnii fi hoggansi yaadaa fi ejjennoo dhaabichaa irratti hubannoo fi ilaalcha ifa ta’e akka qabaatan gochuun hojiin jajjabeessaa hojjetameera jedhan.
Bu’aan hojii dhaaba biyya bulchu hundeessuuf hojjetame galma ga’uu eeruun, tokkummaan yaadaafi gocha hoggansaafi miseensootaa ifatti mul’achuusaa ibsaniiru.

Miseensonni ergama hojii bu’a qabeessa ta’een raawwachuudhaan guddina ariifataa naannichaa irratti mallattoo guddaa kaa’uu akka danda’an himaniiru.
Yaada paartichaa hojiitti hiikuun seektara tokkoon tokkoon isaanii keessatti injifannoowwan galmaa'an hoggansa kutannoo qabuun kan hoogganaman yoo ta'u, hojiiwwan kanneen irratti ashaaraan nama hundaa akka jiru himaniiru.

Filannoo waliigalaa 7ffaa dabalatee bara bajataa kana keessatti galmoota hedduun galma ga’uu isaanii fi hirmaannaa fi fayyadamummaa dubartootaa fi dargaggoota guddisuuf hojii hojjetameen bu’aan argamuus eeraniiru.
Itti quufinsa ummataa kenniinsa tajaajilaa guddisuu fi gochawwan malaammaltummaa dhabamsiisuuf xiyyeeffannoo addaatiin hojjechuun itti fufa jedhaniiru.

Hoggansi bu’aawwan argame cimsee galma badhaadhinaa galmaan ga’uuf kutannoo guddaadhaan hojjechuu akka qabus dubbataniiru.

#Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena#

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015